+ -

عن عبد الله بن عمرو بن العاص رضي الله عنهما عن النبي صلى الله عليه وسلم قال:
«الْكَبَائِرُ: الْإِشْرَاكُ بِاللهِ، وَعُقُوقُ الْوَالِدَيْنِ، وَقَتْلُ النَّفْسِ، وَالْيَمِينُ الْغَمُوسُ».

[صحيح] - [رواه البخاري] - [صحيح البخاري: 6675]
المزيــد ...

Abdallaa ilma Āmrii ilma Āas irraa akka gabaafametti Rabbiin irraa haa jaalatu akkana jedhe: Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkana jedhan:
“Cubbuuwwan gurguddoon: Rabbitti waan biraa qindeessuu, Haadhaa fi Abbaa Galata dhabuu, Lubbuu ajjeesuu fi kakuu sobaa kakachuudha”.

[sirrii] - [Bukhaariitu gabaase] - [Sahiiha bukhaarii - 6675]

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- diliiwwan gurguddoon maal akka ta'an ibsan, isaanis diliiwwan duniyaatti ykn aakhiratti nama isii hojjateef akeekkachiisni cimaan keennameefiidha.
Kan duraa: Allaahitti Sharraksiisuudha: innis gosoowwan ibaabaa irraa gosa kamiyyuu Allaahin alatti kan biraaf kennuudha, akkasumas gabbartii, gooftummaa, maqoolee fi sifoowwan Isaa keessatti waan uumama Isaa irraa Rabbiin adda godhu keessatti waan biraa Rabbitti qixxeessuudha.
Inni lammaffaa “haadha fi Abbaaf galata dhabuu”: innis dubbiinis ta’ee gochaan hunduma waan haadhaa fi abbaa irratti miidhaa geessisuu fi isaanitti tola ooluu dhiisuudha.
Inni sadaffaan seeraan ala “Lubbuu ajjeesuudha”: sun akka haqa malee fi gara jabinaan ajjeesuuti.
Inni afraffaan “kakuu cuuphuuti”: innis soba ta’uu isaa osoo beekuu sobaan kakatuudha. Kakuu cuuphuu kan jedhameef nama isa raawwate dilii ykn ibidda keessatti waan cuuphuuf jecha.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii afaan taamilii buurmaaffaa taaylaandiffaa jarmaniffaa jaappaaniffaa bishtuu asaamiiffaa albaaniyaffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa HSomaaliffaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa cheekiffaa maalaagaashiyaffaa xaaliyaaniffaa kanadiffaa okraaniffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Kakuun sobaa kaffaaraa hin qabuudha; sababni isaas balaa fi yakki isaa guddaa waan ta'eef jecha, kan danda'amu irraa tawbachuu qofa.
  2. Hadiisa keessatti diliiwwan gurguddoo afran kana kaasuun isii daangeessuuf osoo hin taane cubbuun isii waan guddaa ta'eef jecha.
  3. Diliiwwan dilii gurguddaa fi xixiqqaa jedhamee kan qoodamu yoo ta’u, diliin gurguddaan immoo: Dilii isa keessa adabbiin biyya addunyaa, kan akka adabbii(haddii) fi abaarsaa jiruudha, ykn doorsisa Aakhiraa, kan akka ibidda seenuun doorsisuu isa keessa jiruudha, diliin gurguddaan sadarkaa sadarkaan jira, isaan keessaa gariin haraamummaa keessatti kan biraa caalaa ciccimoodha, diliiwwan xixiqqoo jechuun diliiwwan gurguddaan ala kan jiruudha.