+ -

عَنِ النُّعْمَانِ بْنِ بَشِيرٍ رَضِيَ اللَّهُ عَنْهُمَا عَنِ النَّبِيِّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ قَالَ:
«مَثَلُ القَائِمِ عَلَى حُدُودِ اللَّهِ وَالوَاقِعِ فِيهَا، كَمَثَلِ قَوْمٍ اسْتَهَمُوا عَلَى سَفِينَةٍ، فَأَصَابَ بَعْضُهُمْ أَعْلاَهَا وَبَعْضُهُمْ أَسْفَلَهَا، فَكَانَ الَّذِينَ فِي أَسْفَلِهَا إِذَا اسْتَقَوْا مِنَ المَاءِ مَرُّوا عَلَى مَنْ فَوْقَهُمْ، فَقَالُوا: لَوْ أَنَّا خَرَقْنَا فِي نَصِيبِنَا خَرْقًا وَلَمْ نُؤْذِ مَنْ فَوْقَنَا، فَإِنْ يَتْرُكُوهُمْ وَمَا أَرَادُوا هَلَكُوا جَمِيعًا، وَإِنْ أَخَذُوا عَلَى أَيْدِيهِمْ نَجَوْا، وَنَجَوْا جَمِيعًا».

[صحيح] - [رواه البخاري] - [صحيح البخاري: 2493]
المزيــد ...

Nu'umaan bin Bashiir irraa odeeffamee -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhan:
"Fakkeenyi nama daangaa Rabbii irra dhaabbatuu fi nama daangaa sana keessatti argamuu, akka fakkeenya ummata doonii irratti hixaa buufatanii, gariin isaanii gubbaa doonii argatanii, gariin immoo jala ishee argataniiti. Eegasii warri jalaa bishaan yeroo barbaadan warra isaan gubbaa jiran irra darbanii waan waraabbataniif jecha ni jedhan: warra nu gubbaa osoo miidhuu baannee, qooduma keenya kana keessan qaawa baafannee, yoo jarri kuun jara kanaa fi waan isaan barbaadan itti dhiisan hundi isaanituu ni halaakaman, yoo harka isaanii qaban immoo isaan kun nagaa bahanii, isaan hundinuu nagaa bahu". ​

[sirrii] - [Bukhaariitu gabaase] - [Sahiiha bukhaarii - 2493]

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- warra daangaa Rabbii kabachiisan, ajaja Isaa irratti gadi dhaabbatanii fi waan gaaritti ajajanii waan hin taane irraa dhoowwaniif fakkeenya kaa'aniiru, Akkasumas warra daangaa Rabbii cabsan, kan waan gaarii hojachuu dhiisanii, waan hamaa hojjatanii fi hawaasni nagaa ta'uu keessatti dhiibbaa inni qabuuf fakkeenya kaa'an, sun akka fakkeenya ummata doonii yaabbatanii, isaan keessaa gubbaa doonii eenyuutu taa'aa fi jala ishee eenyuutu taa'aa irratti hixaa buufatanii, gariin isaanii gubbaa argatee gariin immoo jala argateeti, isaan jalaa bishaan waraabbachuu yeroo barbaadan isaan isaanin gubbaa jiran bira darbu, Warri jalaa ni jedhan:- warra nu gubbaa akka hin rakkifneef osoo Bakkuma keenya kanatti qaawa bishaan irraa waraabbannu baafannee, osoo warri gubbaa sana akka hojjatan isaan dhiisanii silaa doonin isaanuma hundaan bishaan keessa lixxe, yoo sana hojjachuu irraa isaan dhoorgan immoo isaan hundinuu nagaa bahan.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii taaylaandiffaa bishtuu asaamiiffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa HSomaaliffaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa cheekiffaa maalaagaashiyaffaa okraaniffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Hawaasa badii irraa baraaruu keessatti barbaachisummaa waan gaariitti ajajuu fi badii irraa dhorguun qabuudha.
  2. Maloota barsiisuu keessaa inni tokko hiikowwan bifa waan qabatamaa taheetiin sammuuf dhiheessuuf jecha fakkeenya kaa'uundha.
  3. Badii mul’atu hojjachuun balaaleffannaan jiraachuu dhabuu waliin hawaasa irratti miidhaa geessisa.
  4. Warra dachii keessatti badii hojjatan dhiisuun halaakamuu (baduu) hawaasatiif sababaa guddaadha ta'a.
  5. Gochi dogoggora taanaan niyyaan gaariin qofti hojiin tokko gaarii ta'uuf gayaa miti.
  6. Itti gaafatamummaan hawaasa muslimaa keessatti qooddatamaadha malee nama tokko qofarratti hin dhaabbattu.
  7. Yoo hin balaaleffatamne Badii dhuunfaatif jecha ummanni guutuun adabamuudha.
  8. Warri hojii badaa hojjetan akkuma munaafiqootatti hojii isaanii badaa toltuu fakkeessanii hawaasaaf dhiheessu.
dabaltii