+ -

عن أبي هريرة رضي الله عنه قال: قال رسول الله صلى الله عليه وسلم:
«قَالَ اللهُ تَبَارَكَ وَتَعَالَى: أَنَا أَغْنَى الشُّرَكَاءِ عَنِ الشِّرْكِ، مَنْ عَمِلَ عَمَلًا أَشْرَكَ فِيهِ مَعِي غَيْرِي تَرَكْتُهُ وَشِرْكَهُ».

[صحيح] - [رواه مسلم] - [صحيح مسلم: 2985]
المزيــد ...

Abuu hurayraa irraa -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahamataa fi nageenya isa irratti haa buusu- ni jedhan:
''Rabbiin ol ta'e ni jedhe: ''Ani shirkii irraa irra dureessa (sooressa) shariikotaati, namni hojii tokko hojjatee isa keessatti Ana waliin waan biraa qindeesse, isaa fi shirkii isaa nin dhiisa"

[sirrii] - [Muslimtu gabaase] - [Sahiiha muslim - 2985]

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isa irratti haa buusu- Rabbiin ol ta'ee guddate akkana jedhe jechuudha himan: Inni shirkii irraa irra dureessa shariikotaati, inni waan hunda irraa dureessa, ilmi namaa hojiilee kheyrii irraa yeroo hojii tokko Rabbiif jecha hojjatee Isaan (Rabbiin) waliin waan biraa isa keessa galche, Rabbiin isa dhiisa, hojii sana isa irraa hin qeebalu, inumaayyuu hojii sana isarratti deebisa; Hojii Rabbii ol ta'eef qulqulleessuun dirqama ta'a, waan Inni (Rabbiin) -qulqullaa'e- waan fuula Isaa kabajamaaf qulqulluu ta'e malee waan biraa hin qeeballeefi.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii afaan taamilii buurmaaffaa taaylaandiffaa jarmaniffaa jaappaaniffaa bishtuu asaamiiffaa albaaniyaffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa xaajiikiyyaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa majriffaa cheekiffaa الموري maalaagaashiyaffaa xaaliyaaniffaa kanadiffaa الولوف البلغارية azriffaa الأكانية uzbeekiffaa okraaniffaa الجورجية اللينجالا المقدونية
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Gosa shirkii hunda irraa sodaachisuu, waan inni (shirkiin) hojiin qeebalamuu irraa dhoorgaa ta'eefi.
  2. Hojii Rabbiif qulqulleessuu irratti wantoota nama gargaaran keessaa, durummaa fi guddina Rabbii yaadachuudha.