tarree:
+ -

عَنِ النَّوَّاسِ بْنِ سِمْعَانَ رَضِيَ اللهُ عَنْهُ عَنِ النَّبِيِّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ قَالَ:
«البِرُّ: حُسْنُ الخُلُقِ، وَالإِثْمُ مَا حَاكَ فِي صَدْرِكَ، وَكَرِهْتَ أَنْ يَطَّلِعَ عَلَيْهِ النَّاسُ». وَعَنْ وَابِصَةَ بْنِ مَعْبَدٍ رَضِيَ اللَّهُ عَنْهُ قَالَ: أَتَيْتُ رَسُولَ اللَّهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ فَقَالَ: «جِئْتَ تَسْأَلُ عَنِ البِرِّ وَالإِثْمِ»، قُلْتُ: نَعَمْ، قَالَ: «اسْتَفْتِ قَلْبَكَ، البِرُّ: مَا اطْمَأَنَّتْ إلَيْهِ النَّفْسُ، وَاطْمَأَنَّ إلَيْهِ القَلْبُ، وَالإِثْمُ: مَا حَاكَ فِي نَفْسِكَ وَتَرَدَّدَ فِي الصَّدْرِ، وَإِنْ أَفْتَاكَ النَّاسُ وَأَفْتَوْكَ».

[صحيح] - [الحديث الأول: رواه مسلم، والحديث الثاني: رواه أحمد والدارمي.] - [الأربعون النووية: 27]
المزيــد ...

Nawwaas ibnu Sam'aan irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani:
«Toltuun: haala gaariidha, badiin immoo: waan qoma kee keessa deddeebi'ee, namoonni isarratti si beekuu jibbiteedha».

[sirrii] - [الحديث الأول: رواه مسلم، والحديث الثاني: رواه أحمد والدارمي] - [الأربعون النووية - 27]

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- toltuu fi badii irraa himuun akkas jedhani: irra jabaan gosa toltuu, sodaa isaatiin Rabbii waliin haala toluudha, uumamtootaa waliin immo rakkina isaanii danda'uu, aarii xiqqeesuu, fuula diriirsuu, haasaa bareechuu, isaan fufuu, isaaniif ajajamuu, isaaniif garaa laafuu, toltuu hojjachuu, waliin jireenyaa fi hiryooma toluudha, toltuun waan lubbuu fi qalbiin irratti tasgabboofteedha. Badiin immoo; waan namatti wol fakkaatu keessaa, qomni keenya isaaf bal'achuun maletti, waan lubbuu keessa asiif achi sochoo'ee, keessa deddeebi'ee, isa irraa qalbii keessatti shakkiin argamee, badii ta'uu isaa sodaattee, fokkataa waan ta'eef, namoota akka keetiitii fi namoota guutamootti mul'isuu isaa hin feeneedha, sunis kan ta'e, lubbuun uumamuma isii irraa, namni toltuu isii arguu jaallatti, gariin hojii isii argamuu yoo jibbite, hojiin sun badiidha, toltuun isa keessa hin jiru; mallattoon wol sitti fakkaachuu hanga qalbii keessa jiraatetti, yoo namni fatwaa siif godhellee, fatwaa isaanii hin fudhatin, hanga wol fakkaannaan sun sirrii ta'ee, namni fatwaa godhu immoo beekumsaan maletti fatwaa godha ta'etti, fatwaan waan wol fakkaate tokko deemsisuu hin danda'u; garuu yoo fatwaan ragaa shari'aatiin kan ta'u ta'e immoo, dirqamni nama fatwaa gaafaate sana irra jiru, qomni isaa isaaf bal'achu dhabullee, fatwicha fudhachuudha.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Amaloota gaggaarii qabaachuu irratti kakaasuudha; Amalli gaariin irra guddaa amaloota gaarii irraa tokko waan ta'eef jecha.
  2. Dhugaa fi dharri mu'uminatti wal hin fakkaatu, inumaa inni dhugaa ifa qalbii isaa keessa jiruun beeka, Soba ammoo irraa fagaatee isa morma.
  3. Mallattoolee dilii keessaa tokko qalbiin namaa ragga'uu dhabuu fi asiif achi garagaluudha, akkasumas namoon waan san irratti akka si arguu jibbuudha.
  4. Sindiin akkana jedhe: Hadiisni kun dhimma shakkisiisaa, wal xaxaa namoonni waan lama keessaa tokko sirritti addaan hin baafamne irratti xiyyeefata, yoo akkas hin taanee, inni shari'aa keessatti itti ajajamee yoo ragaan isa faallessu hin jiraatin gaarii irraa lakkaa'ama, haaluma wal fakkaatuun wanti irraa dhoogaan godhamees badii irraa lakkaa'ama, qalbii gaafachuu fi tasgabbii isaa eeguun hin barbaachisu.
  5. Hadiisni kan ilaallatu warra uumama nagaa fi qulqulluu qaban malee warra qalbiin isaanii haqa irraa jallatee wanti gaari fi badaanis isaan biratti tokko tahe hin ilaallatu, qalbiin isaanii fedhii isaa irraa wahuma obaafame malee waan biraa quba hin qabu.
  6. Xiibiin akkana jedhe: akkana jedhame: jechi "Birr" jedhu Hadiisicha keessatti hiikawwan hedduun hiikameera, eddoo tokkotti waan lubbuun itti tasgabbaa'uun hiikan, eddoo tokkotti immoo Imaana jedhanii hiikan, eddoo tokkotti waan Rabbiitti si dhiheessu jedhanii hiikan, Hadiisa kana keessatti ammoo amala gaarii jedhanii hiikan, amalli gaariinis akkas jedhamee hiikame: miidhaa baadhachuu, aarii xiqqeessuu, fuula diriirsuu fi haasaa toluudha, hundinuu hiika keessatti walitti dhihaatu.
Hiikaa: Ingiliffaa Orduu Indoneziyaffaa bangaaliffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii afaan taamilii taaylaandiffaa jarmaniffaa bishtuu asaamiiffaa albaaniyaffaa Amaariffaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa xaajiikiyyaa keniyaa ruwaandiya majriffaa cheekiffaa الموري maalaagaashiyaffaa kanadiffaa الولوف azriffaa uzbeekiffaa okraaniffaa الجورجية المقدونية الخميرية الماراثية
Garsisuu hiikowani
tarreewwan
dabaltii