عَنْ أَمِيرِ المُؤْمِنِينَ أَبِي حَفْصٍ عُمَرَ بْنِ الخَطَّابِ رضي الله عنه قَالَ: سَمِعْتُ رَسُولَ اللَّهِ صَلَّى اللَّهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ يَقُولُ:
«إنَّمَا الأَعْمَالُ بِالنِّيَّاتِ، وَإِنَّمَا لِكُلِّ امْرِئٍ مَا نَوَى، فَمَنْ كَانَتْ هِجْرَتُهُ إلَى اللَّهِ وَرَسُولِهِ فَهِجْرَتُهُ إلَى اللَّهِ وَرَسُولِهِ، وَمَنْ كَانَتْ هِجْرَتُهُ لِدُنْيَا يُصِيبُهَا أَوْ امْرَأَةٍ يَنْكِحُهَا فَهِجْرَتُهُ إلَى مَا هَاجَرَ إلَيْهِ».
[صحيح] - [رواه إماما المحدثين أبو عبد الله محمد بن إسماعيل بن إبراهيم بن المغيرة بن بردزبه البخاري، وأبو الحسين مسلم بن الحجاج بن مسلم القشيري النيسابوري في صحيحيهما اللذين هما أصح الكتب المصنفة] - [الأربعون النووية: 1]
المزيــد ...
Amiira Mu'umintootaa Abuu Hafsi Umar ibnu Al-Khaxxaab irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: ergamaa Rabbiitii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhuun dhaga'e:
«Hojiin kamuu niyaadhaani, nama kamiifuu waanuma inni niyyatetu isaaf jira, namni godaanisi isaa gara Rabbii fi ergamaa isaatti ta’e, godaansi isaa gara Rabbii fi ergamaadhuma isaatti ta'a, namni godaansi isaa immoo duuniyaa argatuuf yookaan dubartii fuudhuuf ta’e immoo, godaansi isaa garuma itti godaane sanatti ta'a».
[sirrii] - [رواه إماما المحدثين أبو عبد الله محمد بن إسماعيل بن إبراهيم بن المغيرة بن بردزبه البخاري وأبو الحسين مسلم بن الحجاج بن مسلم القشيري النيسابوري في صحيحيهما اللذين هما أصح الكتب المصنفة] - [الأربعون النووية - 1]
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- hojiin hunduu madaalli isaa niyyaadhaan akka ta'e ibsani, murtoon kun gabbartiis ta'ee walitti dhufeenya nama waliin taasifnuu fi hojii hunda keessatti murtoo walii galaati, namni hojii isaatiin bu'aa wohii fedhe bu'attii sana malee hin argatu, mindaanis isaaaf hin jiru, namni hojii isaatiin Rabbitti dhihaachuu fedhe hojii isaa irraa mindaa fi gatii argata osoma hojii Aadeeffatamaa, akka nyaataa fi dhugaatii ta'eellee.
Eegasii haala alatti muldhatuun walfakkaachuu waliin dhiibbaa niyyaan hojii irratti qabu ibsuuf jecha fakkeenya fudhatani -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- dhugumatti namni godaansa isaatii fi biyya isaa gadhiisuudhaan jaalala Rabbii isaa fedhe, godaansi isaa godaansa shari'aa qeebalamtuudhaa sababaa niyyaan isaa dhugoomteef mindaa irratti ni argataa fi namni immoo godaansa isaatiin qabeenya irraa, yookaan kabajaa irraa, yookaan daldala irraa, yookaan haadha manaaa irraa haa ta'u bu'aa duuniyaa fedhe godaansa isaa sana irraa bu'attii isii niyyatee sana malee homaa hin argatu, gatii fi mindaa irra qooda homaatuu hin qabuudha ibsan.