tarree:
+ -

عَنْ أَبِي ثَعْلَبَةَ الخُشَنِيِّ جُرْثُومِ بن نَاشِرٍ رَضِيَ اللَّهُ عَنْهُ عَنْ رَسُولِ اللَّهِ صَلَّى اللَّهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ قَال:
«إِنَّ اللَّهَ فَرَضَ فَرَائِضَ فَلَا تُضَيِّعُوهَا، وَحَدَّ حُدُودًا فَلَا تَعْتَدُوهَا، وَحَرَّمَ أَشْيَاءَ فَلَا تَنْتَهِكُوهَا، وَسَكَتَ عَنْ أَشْيَاءَ رَحْمَةً لَكُمْ غَيْرَ نِسْيَانٍ فَلَا تَبْحَثُوا عَنْهَا».

[قال النووي: حديث حسن] - [رواه الدارقطني في سننه، وغيره] - [الأربعون النووية: 30]
المزيــد ...

Abuu Sa'alabaa Al-Khushanii Jursuum ibnu Naashir irraa odeeffamee -Rabbi isa irraa haa jaallatu- Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani:
«Rabbiin dirqamoota dirqama taasiseera, (hojjachuu dhabuun) isaan hin balleessinaa, akkasumas daangaawwan daangesseera, isaan hin tarkaanfatinaa, wantoota gariis haraama taasiseera , isaan hin hojjatinaa, irraanfatee osoo hin taane, rahmata isiniif gochuuf jecha, wantoota garii irraas calliseera, qoqqottanii isaan hin barbaadinaa».

[قال النووي: حديث حسن] - [رواه الدارقطني في سننه وغيره] - [الأربعون النووية - 30]

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akka Rabbiin wantoota garii dirqama godhe himani, dirqamoota sanas sirriitti qabadhaa, isaan dhiisuudhaan yookaan isaan laaffisuun hin miidhinaa jedhani, akkasumas kellaawwanii fi dhoorgaawwan murtaa'an, kan waan Rabbiin hin jaallanne irraa isin ittisuu fi isin dhoorgu isiniif taasisee jira, waan shari'aan itti ajajeen ala irratti hin dabalinaa, akkasumas wantoota gariis haraama isinirratti godhee jira hin hojjatinaas ittis hin dhihaatinaa, sanaan ala waan jiru immoo gabroota isaatiif rahmata gochuuf jecha irraa cal'isee jira, eeyyamamaa ta'anii bu'uuruma isaanii irratti hafu qoqqottanii hin barbaadinaa.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Hadiisni kun Rabbiin isatu karaa godhaa akka ta'eef ragaadha, ajajni kamuu harka isaa jira.
  2. Hadiisni kun murtoo fi eeyyamamuu keessatti foormulaa shari'aa of keessatti qabateera; murtoon shari'aa; yookaan kan irraa callifame yookaan immoo kan dubbatamedha, inni dubbatames, yookaan dirqamummaan yookaan sunnummaan kan itti ajajame ta'a, yookaan immoo haraamummaan yookaan jibbamaa ta'uun kan irraa dhoorgame ta'a, yookaan immoo kan eeyyamame ta'a.
  3. Wanti Rabbiin dirqama osoo hin godhin, osoo hin daangeessinii fi irraas osoo hin dhoorgin akkasumatti callisee dhiise, inni eeyyamamaadha.
  4. Nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkaataa qooddaa ifa galaa ta'e kanaan hadiisicha himuun isaanii, haala bareedaan ibsanii nama hubachiisuu akka danda'an agarsiisa.
  5. Wantoota Rabbiin dirqama nurratti taasise tikfachuun dirqama ta'uu isaa.
  6. Daangaa Rabbii dabruun haraama ta'uu isaa.
Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa bangaaliffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii afaan taamilii taaylaandiffaa jarmaniffaa bishtuu asaamiiffaa albaaniyaffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa xaajiikiyyaa keniyaa ruwaandiya majriffaa cheekiffaa الموري maalaagaashiyaffaa kanadiffaa الولوف azriffaa uzbeekiffaa okraaniffaa الجورجية المقدونية الخميرية الماراثية
Garsisuu hiikowani
tarreewwan
dabaltii