+ -

عَنْ أَبِي هُرَيْرَةَ رضي لله عنه قَالَ: قَالَ رَسُولُ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ:
«لَا يَفْرَكْ مُؤْمِنٌ مُؤْمِنَةً، إِنْ كَرِهَ مِنْهَا خُلُقًا رَضِيَ مِنْهَا آخَرَ» أَوْ قَالَ: «غَيْرَهُ».

[صحيح] - [رواه مسلم] - [صحيح مسلم: 1469]
المزيــد ...

Abuu Hureyraa irraa odeeffamee Rabbiin irraa haa jaallatu akkana jedhe: Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkas jedhan:
«Mu’uminni dhiiraa tokko mu’umina dubartii hin jibbin, yoo amala ishee tokko jibbe kan biraa irraa jaalata» Yookaan akkana jedhan: «kanaan ala».

[sirrii] - [Muslimtu gabaase] - [Sahiiha muslim - 1469]

Ibsaa

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- abbaan manaa haadha manaa isaa jibbaa ishee miidhee ishee dhiisuu fi irraa gargaluu biraan isa gayu jibbuu irraa dhoorgan; Sababni isaas ilmi namaa hir'ina irratti uumame waan ta'ee jecha, amala badaa tokko yoo kan irraa jibbu ta'e, amala biraa gaarii irraa arga ta'a, Amala gaarii irraa arge sana ni jaallata, amala badaa san irratti obsa, kun akka inni obsa qabaatu fi jibbaa sadarkaa ishee waliin adda bahuu biraan isa gayu akka ishee hin jibbine isa taasisa.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii taaylaandiffaa bishtuu asaamiiffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa daryaffaa HSomaaliffaa roomaniyaffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Waldhabdee haadha manaa isaa wajjiin ka’u kamiyyuu keessatti haqa hojjechuu fi sammuu hojjechiisuutti mu'umina waamuudha, akkasumas miira hin taane fi lola keessa galuu dhabuutti isa waamuudha.
  2. Haalli nama mu’uminaa tokko irraa eegamu mu’umina dubartii takka jibbaa isheen gargar bahutti isa geessu ishee jibbuu osoo hin taane, wanta irraa jaalatu ilaalee waan jibbu bira darbuudha.
  3. Abbaa manaa fi haadha manaa haala fi saahibummaa gaariin waliin jiraachuu irratti kakaasuudha.
  4. Iimaana qabaachuun gara haala gaggaarii qabaachuutti nama waama, Mu'uminni dhiiraa fi dubartiinis amala gaarii qabaachu irraa duwwaa hin ta'an; sababni isaas Iimaanni amaloonni gaggaariin isaan keessa jiraachuu waan gaafatuuf jecha.