عَنْ أَبِي سَعِيدٍ الخُدْرِيِّ رضي الله عنه قَالَ: خَرَجَ رَسُولُ اللَّهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ فِي أَضْحَى أَوْ فِطْرٍ إِلَى المُصَلَّى، فَمَرَّ عَلَى النِّسَاءِ، فَقَالَ:
«يَا مَعْشَرَ النِّسَاءِ، تَصَدَّقْنَ، فَإِنِّي أُرِيتُكُنَّ أَكْثَرَ أَهْلِ النَّارِ» فَقُلْنَ: وَبِمَ يَا رَسُولَ اللَّهِ؟ قَالَ: «تُكْثِرْنَ اللَّعْنَ، وَتَكْفُرْنَ العَشِيرَ، مَا رَأَيْتُ مِنْ نَاقِصَاتِ عَقْلٍ وَدِينٍ أَذْهَبَ لِلُبِّ الرَّجُلِ الحَازِمِ مِنْ إِحْدَاكُنَّ»، قُلْنَ: وَمَا نُقْصَانُ دِينِنَا وَعَقْلِنَا يَا رَسُولَ اللَّهِ؟ قَالَ: «أَلَيْسَ شَهَادَةُ المَرْأَةِ مِثْلَ نِصْفِ شَهَادَةِ الرَّجُلِ» قُلْنَ: بَلَى، قَالَ: «فَذَلِكِ مِنْ نُقْصَانِ عَقْلِهَا، أَلَيْسَ إِذَا حَاضَتْ لَمْ تُصَلِّ وَلَمْ تَصُمْ» قُلْنَ: بَلَى، قَالَ: «فَذَلِكِ مِنْ نُقْصَانِ دِينِهَا».

[صحيح] - [متفق عليه] - [صحيح البخاري: 304]
المزيــد ...

Abuu Sa’iid Al-Khudrii irraa akka odeeffametti -Rabbiin irraa haa jaallatu- akkana jedhe: Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- yeroo Iidal Ad-haa ykn Iidal fixrii salaataaf gara eddoo salaataa bahanii, dubartoota bira darbanii, akkana jedhan:
«Yaa jama'aa dubartoota sadaqaa kennadhaa, ani irra caalaan namoota ibiddaa ta'uun isin arge» isaanis ni jedhan: yaa ergamaa Rabbii! maalini? isaanis ni jedhan: «isin abaarsa baay'ifu, abbaa warraa keessaniif galata hin qabdan, nama hanqina sammuu fi amantii osoo qabuu onnee ilma dhiiraa kutataa booj'u kan akka keessanii hin argine» isaanis ni jedhan: yaa ergamaa Rabbii, maali hanqinni amantii fi sammuu keenyaa? Isaanis akkana jedhan: ragaan dubartii tokkaa akka walakkaa ragaa dhiira tokkoo hin taanee?» ni jedhan: Eeyyee, ni isaanis ni jedhan: suni eegaa hanqina sammuun isheeti, yoo laguu qabaatte hin salaattu, hin soomtu mitii?» ni jedhan: Eeyyee, suni ammoo hir'ina amantii isheeti».

[sirrii] - [Bukharif muslim irratti waliigalan] - [Sahiiha bukhaarii - 304]

Ibsaa

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- guyyaa iidaa tokko gara eddoo salaataa bahan, dubartoota qofa gorsuuf dhugumatti waadaa isaanif galanii turan, guyyaa sana waadaa isaanii guutanii, akkana jedhan: Yaa jama'aa dubartootaa sadaqaa kennadhaa, araarama kadhachuu heddummeessaa; kunneen lamaan sababaa diliin nama irraa haqamuuti, ani halkan israa'aa irra hedduu warra ibiddaa ta'uu keessanin arge.
Dubartiin aqlii, yaadaa fi ulfina qabdu takka akkana jette: Yaa Ergamaa Rabbii irra caalaan namoota ibiddaa maalif taane?
Isaanis akkana jedhan: Sababootaafi: abaarsa fi arrabsoo baay'iftan, haqa abbaa manaas ni waakkattan. Ergasii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkas jechuun isaan ibsan: hanqina sammuu fi amantii qabaachuu waliin nama nama dhiiraa kan aqlii fi murtoo cimaa qabu kan dhimma isaa too'achuu danda'u onnee isaa booji'ee isa injifatu kan akka keessanii hin argine.
ni jette: Yaa Ergamaa Rabbii hanqinni aqlii fi amantii maali?
ni jedhan: Hanqina aqlii ilaalchisee ragaan dubartoota lamaa ragaa dhiira tokkoo wajjin wal qixa. Kun hanqina aqliiti, Amantiin hir'ina qabaachuu jechuun inni hir'ina hojii gaariiti, akkuma sababa laguutiin halkanii fi guyyaa osoo hin salaatin dabarsitu, akkasumas guyyoota Ramadaanaa sababa laguutiin soomuu dhiifti, kuni hir’ina amantaati. Haa ta'u malee kun sababa uumamaatin waan ta'eef itti hin komataman, ittis hin qabaman, Akkuma ilmi namaa qabeenya jaallachuu irratti uumametti, akkasumas dhimma isaa irratti ariifataa, wallaalaa... fi kkf ta'ee uumametti, garuu isaanin qoramuu irraa baqachiisuf jecha sana irratti akeekkachiisa kennan.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Dubartoonni gara salaata Iidaatti bahuun, akkasumas yeroo gorsi garagaraa kennamu kophaatti isaan gorsuun jaallatamaa ta'uudha.
  2. Abbaa manaa ofii galateeffachuu dhabuu fi abaarsa baay'isuun dilii gurgaddaa irraa tahuudha, doorsifni ibiddaa kenname taanaan diliin sun guddaa tahuu agarsiisa.
  3. Iimaanni akka dabaluu fi akka hir'atu ibsuutu keessa jira, namni ibaadaan isaa baay’ate iimaanni fi amantiin isaa ni dabala, namni ibaadaan isaa hir’ate immoo iimaanni isaa ni hir’ata.
  4. Nawawiin akkana jedhe: Aqliin ilma namaa dabaluu fi hir’ichuu fni qeebala, iimaannis akkasuma, Hanqina dubartootaa kaasuun sanaaf isaan komachuufii miti; Sababni isaas inni uumama irraa waan ta’eef jecha, sana irratti akeekachiisa kennuun isaanin qormaata keessa akka hin galle hubachiisuufi, kanaaf eegaa hanqina sammuu osoo hin tahin adabbiin abbaa manaa galateeffachuu dhabuu fi kan biroo irratti kaa'ame, Hanqinni amantii waan dilii fidu qofa irratti kan daangeffame osoo hin taane, inni akka waliigalaati.
  5. Namni baratu tokko nama beekaatti, hordofaan hordofamaatti deebi'ee haasaa isaa irraa waan ifa isaaf hin tahin keessatti akka isa irraa hubachuu qabuudha.
  6. Ragaan dubartii walakkaa ragaa dhiiraa akka ta'eedha, sababa to’annoon ishee xiqqaa ta'eef jecha.
  7. Ibn Hajar jecha isaanii: "nama sammuun isaa hir'ina qabu hin argine..." jedhu irratti akkas jedhe: sun akka waliigalatti sababaawwan isaan irra caalaa warra ibiddaa itti ta'an keessaa tokko ta'uutu natti mul'ata, nama dhiiraa kan kutannoo qabu tokko sammuu isaa booji'anii waan hin malle akka hojjetu ykn akka dubbatu gochuu keessatti gumaacha kan godhan yoo ta'u, dilii isa irraa qooddatanii kan biroo irratti dabalaniiru.
  8. Dubartii dhiiga laguu keessa jirtu irratti salaata fi soomni haraama ta'uudha, akkasuma dubartiin dhiiga dahumsaa keessa jirtuus, ergasii yeroo marsaa laguu irraa qulqullaa'an sooma qofa qadaa baasu.
  9. Amalli Nabiyyii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- amala gaarii ta'uudha, xixuu fi komachuu malee gaaffiilee dubartootaa dhugumatti deebisaniiru.
  10. Ibnu Hajar akkana jedhe: Sadaqaan adabbii azaabaa ni hambisa, akkasumas dilii uumamtoota gidduutti raawwataman haquuf ni mala.
  11. Nawawiin akkana jedhe: Dubartoota biratti amantiin isaanii hir’achuun isaa yeroo laguu salaata fi sooma dhiisuu isaanii irraa kan ka’eedha, Nama ibaadaan baay’atu, iimaanaa fi amantiin isaa ni dabala, kan ibaadaan hir’ate ammoo amantiin isaa ni hir’ata, Amantiin hir’achuun karaa diliittis nama geessuu danda’a, sun akka nama sababa malee salaata ykn sooma, ykn hojii ibaadaa dirqamaa biroo dhiiseeti, akkasumas haala dilii hin qabneen ta'u danda'a, sun akka nama sababa tokko malee salaata Jum’aa ykn duula ykn waan biroo kan isa irratti dirqama hin tahin dhiiseti, akkasumas osoo nama itti gaafatummaa qabu ta'ee jiruu dhiisuu danda'a, sun akka dubartiin laguu qabdu salaata fi sooma dhiisuuti.
Garsisuu hiikowani
afaan: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa dabaltii (46)