عَنْ أَبِي سَعِيدٍ الخُدْرِيِّ رضي الله عنه قَالَ: خَرَجَ رَسُولُ اللَّهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ فِي أَضْحَى أَوْ فِطْرٍ إِلَى المُصَلَّى، فَمَرَّ عَلَى النِّسَاءِ، فَقَالَ:
«يَا مَعْشَرَ النِّسَاءِ، تَصَدَّقْنَ، فَإِنِّي أُرِيتُكُنَّ أَكْثَرَ أَهْلِ النَّارِ» فَقُلْنَ: وَبِمَ يَا رَسُولَ اللَّهِ؟ قَالَ: «تُكْثِرْنَ اللَّعْنَ، وَتَكْفُرْنَ العَشِيرَ، مَا رَأَيْتُ مِنْ نَاقِصَاتِ عَقْلٍ وَدِينٍ أَذْهَبَ لِلُبِّ الرَّجُلِ الحَازِمِ مِنْ إِحْدَاكُنَّ»، قُلْنَ: وَمَا نُقْصَانُ دِينِنَا وَعَقْلِنَا يَا رَسُولَ اللَّهِ؟ قَالَ: «أَلَيْسَ شَهَادَةُ المَرْأَةِ مِثْلَ نِصْفِ شَهَادَةِ الرَّجُلِ» قُلْنَ: بَلَى، قَالَ: «فَذَلِكِ مِنْ نُقْصَانِ عَقْلِهَا، أَلَيْسَ إِذَا حَاضَتْ لَمْ تُصَلِّ وَلَمْ تَصُمْ» قُلْنَ: بَلَى، قَالَ: «فَذَلِكِ مِنْ نُقْصَانِ دِينِهَا».
[صحيح] - [متفق عليه] - [صحيح البخاري: 304]
المزيــد ...
Abuu Sa’iid Al-Khudrii irraa akka odeeffametti -Rabbiin irraa haa jaallatu- akkana jedhe: Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- yeroo Iidal Ad-haa ykn Iidal fixrii salaataaf gara eddoo salaataa bahanii, dubartoota bira darbanii, akkana jedhan:
«Yaa jama'aa dubartoota sadaqaa kennadhaa, ani irra caalaan namoota ibiddaa ta'uun isin arge» isaanis ni jedhan: yaa ergamaa Rabbii! maalini? isaanis ni jedhan: «isin abaarsa baay'ifu, abbaa warraa keessaniif galata hin qabdan, nama hanqina sammuu fi amantii osoo qabuu onnee ilma dhiiraa kutataa booj'u kan akka keessanii hin argine» isaanis ni jedhan: yaa ergamaa Rabbii, maali hanqinni amantii fi sammuu keenyaa? Isaanis akkana jedhan: ragaan dubartii tokkaa akka walakkaa ragaa dhiira tokkoo hin taanee?» ni jedhan: Eeyyee, ni isaanis ni jedhan: suni eegaa hanqina sammuun isheeti, yoo laguu qabaatte hin salaattu, hin soomtu mitii?» ni jedhan: Eeyyee, suni ammoo hir'ina amantii isheeti».
[sirrii] - [Bukharif muslim irratti waliigalan] - [Sahiiha bukhaarii - 304]
Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- guyyaa iidaa tokko gara eddoo salaataa bahan, dubartoota qofa gorsuuf dhugumatti waadaa isaanif galanii turan, guyyaa sana waadaa isaanii guutanii, akkana jedhan: Yaa jama'aa dubartootaa sadaqaa kennadhaa, araarama kadhachuu heddummeessaa; kunneen lamaan sababaa diliin nama irraa haqamuuti, ani halkan israa'aa irra hedduu warra ibiddaa ta'uu keessanin arge.
Dubartiin aqlii, yaadaa fi ulfina qabdu takka akkana jette: Yaa Ergamaa Rabbii irra caalaan namoota ibiddaa maalif taane?
Isaanis akkana jedhan: Sababootaafi: abaarsa fi arrabsoo baay'iftan, haqa abbaa manaas ni waakkattan. Ergasii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkas jechuun isaan ibsan: hanqina sammuu fi amantii qabaachuu waliin nama nama dhiiraa kan aqlii fi murtoo cimaa qabu kan dhimma isaa too'achuu danda'u onnee isaa booji'ee isa injifatu kan akka keessanii hin argine.
ni jette: Yaa Ergamaa Rabbii hanqinni aqlii fi amantii maali?
ni jedhan: Hanqina aqlii ilaalchisee ragaan dubartoota lamaa ragaa dhiira tokkoo wajjin wal qixa. Kun hanqina aqliiti, Amantiin hir'ina qabaachuu jechuun inni hir'ina hojii gaariiti, akkuma sababa laguutiin halkanii fi guyyaa osoo hin salaatin dabarsitu, akkasumas guyyoota Ramadaanaa sababa laguutiin soomuu dhiifti, kuni hir’ina amantaati. Haa ta'u malee kun sababa uumamaatin waan ta'eef itti hin komataman, ittis hin qabaman, Akkuma ilmi namaa qabeenya jaallachuu irratti uumametti, akkasumas dhimma isaa irratti ariifataa, wallaalaa... fi kkf ta'ee uumametti, garuu isaanin qoramuu irraa baqachiisuf jecha sana irratti akeekkachiisa kennan.