+ -

عن أُمِّ عَطِيَّةَ رَضي الله عنها، وكَانَتْ بايَعَت النبيَّ صلى الله عليه وسلم، قالت:
كُنَّا لا نَعُدّ الكُدرَةَ والصُّفْرَةَ بعدَ الطُّهرِ شيئًا.

[صحيح] - [رواه أبو داود بهذا اللفظ، ورواه البخاري بدون زيادة (بعد الطهر)] - [سنن أبي داود: 307]
المزيــد ...

Haadha Axiyyaa irraa odeeffame Rabbii ishee irraa haa jaalatu, Nabiyyiif waadaa galtee turte, nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu, akkas jette:
Eega dhiiga laguu irraa qulqulloofnee booda bishaan booruu qabuu fi daalacha ta'e homaatti kan hin lakkoofne taane. ​

[sirrii] - [abuu daawud odeesse] - [Sunana abbaa daawud - 307]

Ibsaa

Sahaabiyyittiin Ummu Axiyya jedhamtu, Rabbiin irraa haa jaalatu, dubartoonni zamana Nabiyyii keessatti nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu, bishaan qaama saalaa irraa ba'u -kan bifti isaa gara gurraachoominatti, ykn gara daalachoominatti dabu- eega dhiiga heydii irraa qulqullina arganii laguutti akka isa hin ilaalle himte, kanaafuu sababaa isaatiin salaata fi sooma hin dhiisani.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii taaylaandiffaa bishtuu asaamiiffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa daryaffaa sarbiyaffaa HSomaaliffaa roomaniyaffaa cheekiffaa maalaagaashiyaffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Bishaan qaama saalaa dubartii irraa ba’u -eega laguu irraa qulqullooftee booda- boora'iinsi fi daalachoominni dhiiga irraa dhufu osoo isa keessa jiraatellee homattuu hin ilaalamuudha.
  2. Yeroo laguu keessatti boora'iinsi fi daalachoominni laguutti ilaalama; sababni isaas inni bishaanitti makate malee yeroo isaa keessatti waan dhufeef jecha.
  3. Dubartiin takka eega qulqulloofte booda boora'iinsa fi daalachoominaa jettee salaata fi sooma hin dhiisuu hin qabdu, wuduu’a godhattee salaatu qabdi malee.