1. Fuula Duraa
  2. Maxxansaawwan
  3. fiqhiifii beekkomsa hundee isaa

Hadiisa Lakkii, sun hidda, garuu guyyoota hanga dhiigni ji'aa ishee keessatti sitti dhufuu sana salaata dhiisii, eegasii dhiqadhuu salaati

عَنْ عَائِشَةَ أُمِّ المؤمنين رضي الله عنها أَنَّ فَاطِمَةَ بِنْتَ أَبِي حُبَيْشٍ سَأَلَتِ النَّبِيَّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ قَالَتْ:
إِنِّي أُسْتَحَاضُ فَلاَ أَطْهُرُ، أَفَأَدَعُ الصَّلاَةَ؟ فَقَالَ: «لَا، إِنَّ ذَلِكِ عِرْقٌ، وَلَكِنْ دَعِي الصَّلاَةَ قَدْرَ الأَيَّامِ الَّتِي كُنْتِ تَحِيضِينَ فِيهَا، ثُمَّ اغْتَسِلِي وَصَلِّي».

Aa'ishaa Haadha Mu’mintootaa irraa odeeffamee -Rabbiin ishee irraa haa jaallatu- Faaximaan binti Abii Hubeysh Nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jettee gaafatte:
Ani istihaadaa (dhiiga dhukkubaa) qaba, isa irraa hin qulqullaa'u, kanaafuu Salaata dhiisuun naa ni eeyyamamaa? isaanis akkana jedhan: “Lakkii, sun hidda, garuu guyyoota hanga dhiigni ji'aa ishee keessatti sitti dhufuu sana salaata dhiisii, eegasii dhiqadhuu salaati".

sirrii Bukharif muslim irratti waliigalan Sahiiha bukhaarii - 325

Ibsa

Faaximaa binti Hubeyishii Nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkana jettee gaafatte: Dhiigni narraa dhaabbachuu dhabuu irraa kan ka'een yeroo dhiiga ji'aa irra hin jirrellee itti fufa, murtiin sanaa murtii dhiiga ji'aa ta'uu danda'aa, sababaa isaatiin salaata kanan dhiisu? Nabiyyiinis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkana jedhan: inni dhiiga istihaadaati, innis dhiiga dhukkubaa kan citiinsa hidda wahii kan gadameessa keessa jiru irraa argamuudha, Osoo dhiigni dhukkubaa sitti hin dhufiniin duratti akka Aadaa tee tan ji'atti yeroon dhiigni ji'aa isa keessatti sitti dhufu yeroo dhufe salaata, soomaa fi wantoota biroo kan isaan fakkaatan kan yeroo dhiiga ji'aa dubartiin dhiigni ji'aa itti jiru irraa dhoorgamtu dhiisi. Yeroo yeroon sun dhumetti ati dhiigni ji'aa sirraa dhaabbate waan ta'eef iddoo dhiigaa sana dhiqi, eegasii xurii ofirraa kaasuuf jecha dhiqannaa guutuu ta'e qaama kee dhiqadhu, eegasii salaati.

bu'aa hadiisichaa irraa

  1. Guyyoonni dhiiga ji'aa yeroo xumuramanitti qaama guutuu dhiqachuun dubartii irratti dirqama ta'uudha.
  2. Dubartii dhiigni dhukkubaa itti jiru irratti salaanni dirqama ta'uudha.
  3. Dhiiga ji'aa jechuun: Dhiiga uumamaa gadameessaan karaa qaama saalaa dubartii ballaghtee baasuudha, guyyoota beekamoo ta'an keessatti itti dhufa.
  4. Dhiiga dhukkubaa jechuun: Dhiiga yeroo malee gadaameessaa gara irraa gadiitii yaa'uudha.
  5. Garaagarummaan gidduu dhiiga ji'aatii fi dhiiga dhukkubaa jiru: Dhiigni ji'aa gurraacha furdaa hafuurri isaa ajaa qabuudha, dhiigni dhukkubaa immoo dhiiga diimaa haphii hafuura ajaayu hin qabneedha.

Hiikkaawwan dhiheessuu

58 Afaan
EN English الإنجليزية
UR اردو الأوردية
ES Español الإسبانية
ID Indonesia الإندونيسية
UG ئۇيغۇرچە الأيغورية
BN বাংলা البنغالية
TR Türkçe التركية
RU Русский الروسية
BS Bosanski البوسنية
SI සිංහල السنهالية
HI हिन्दी الهندية
ZH 中文 الصينية
FA فارسی الفارسية
VI Tiếng Việt الفيتنامية
TL Tagalog تجالوج
KU Kurdî الكردية
HA Hausa الهوسا
PT Português البرتغالية
ML മലയാളം المليالم
TE తెలుగు التلغو
SW Kiswahili السواحيلية
TA தமிழ் التاميلية
MY မြန်မာ البورمية
TH ไทย التايلندية
DE Deutsch الألمانية
PS پښتو بشتو
AS অসমীয়া الأسامية
SQ Shqip الألبانية
SV Svenska السويدية
AM አማርኛ الأمهرية
NL Nederlands الهولندية
GU ગુજરાતી الغوجاراتية
KY Кыргызча القيرقيزية
NE नेपाली النيبالية
YO Yorùbá اليوروبا
LT Lietuvių الليتوانية
PRS دری الدرية
SR Српски الصربية
SO Soomaali الصومالية
TG тоҷикӣ الطاجيكية
RW Kinyarwanda الكينياروندا
RO Română الرومانية
HU Magyar المجرية
CS Čeština التشيكية
MOS Moore الموري
MG Malagasy المالاجاشية
KN ಕನ್ನಡ الكانادا
WO Wolof الولوف
AZ Azərbaycan الأذربيجانية
UZ O‘zbek الأوزبكية
UK Українська الأوكرانية
KA ქართული الجورجية
MK Македонски المقدونية
KM ភាសាខ្មែរ الخميرية
BM Bambara البامبارية
PA ਪੰਜਾਬੀ البنجابية
MR मराठी الماراثية
KMR Kurmancî الكرمنجية