عَنْ أَنَسِ بْنِ مَالِكٍ رضي الله عنه قَالَ: قَالَ رَسُولُ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ:
«سَوُّوا صُفُوفَكُمْ، فَإِنَّ تَسْوِيَةَ الصَّفِّ مِنْ تَمَامِ الصَّلَاةِ».

[صحيح] - [متفق عليه] - [صحيح مسلم: 433]
المزيــد ...

Anas bin Maalik irraa odeeffamee Rabbiin irraa haa jaallatu akkana jedhe: Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhan:
«Tarree keessan qajeelchaa, tarree qajeechuun salaata guutuu irraayi».

[sirrii] - [Bukharif muslim irratti waliigalan] - [Sahiiha muslim - 433]

Ibsaa

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- namoota salaatan tarree isaanii akka qajeelfatan, akka wal hin dabarree fi akka wal duubatti hin hafne ajajan, tarree qajeelchuun salaata guutuu irraa akka ta’ee fi isa jal'isuun ammoo hanqinaa fi hir'ina akka ta'e ibsaniiru.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Waan salaata guutee hir'ina irraa isa fageessu hundatti yaadda'uun karaa tahuudha.
  2. Ogummaa Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- barsiisuu keessatti qabaniidha, sun kan muldhatu murtii sababaa isaatiin wajjiin wal qabsiisuu isaanii keessatti; Sunis ogummaa wanni tokko karaa godhamuu ibsuu fi lubbuun ajajamuu keessatti akka jajjabaattuuf jecha.
Garsisuu hiikowani
afaan: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa dabaltii (54)