+ -

عَنْ ‌أَبِي هُرَيْرَةَ رَضِيَ اللهُ عَنْهُ: أَنَّ النَّبِيَّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ قَالَ:
«صَلَاةٌ فِي مَسْجِدِي هَذَا خَيْرٌ مِنْ أَلْفِ صَلَاةٍ فِيمَا سِوَاهُ إِلَّا الْمَسْجِدَ الْحَرَامَ».

[صحيح] - [متفق عليه] - [صحيح البخاري: 1190]
المزيــد ...

Abuu Hureyraa irraa odeffame, Rabbiin irraa haa jaallatu: Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu- akkana jedhan:
“Masjiida kiyya kana keessatti salaanni tokko Masjiida biraa irra mindaa salaata kuma tokkootin caala, Masjida haramaa malee".

[sirrii] - [Bukharif muslim irratti waliigalan] - [Sahiiha bukhaarii - 1190]

Ibsaa

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- sadarkaa masjiida isaanii keessatti salaatuun qabuu fi mindaan sanaa masjiidowwan lafaa irraa salaata masjiida biraa keessatti salaatatamu irra salaata kuma tokkoon akka caalu ibsan, Masjiida haraamaa kan Makka jiru yoo ta'e malee, salaanni isa keessatti salaatamu salaata masjiida Rasuulaa -nagaa fi rhmanni irra haa jiraatu- keessatti salaatamu caala.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa turkiffaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii afaan taamilii buurmaaffaa taaylaandiffaa bishtuu asaamiiffaa albaaniyaffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa HSomaaliffaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa majriffaa cheekiffaa الموري maalaagaashiyaffaa xaaliyaaniffaa kanadiffaa الولوف azriffaa okraaniffaa الجورجية
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Mindaan salaataa Masjiida haraamaa fi Masjiid nabawii keessatti dachaa akka ta'eedha.
  2. Salaanni Masjiida haraamaa keessatti salaatamu kuma dhibba tokko masjiidota biroo keessatti salaatamu caalaadha.