+ -

عَنْ ‌مَحْمُودِ بْنِ لَبِيدٍ رضي الله عنه:
أَنَّ ‌عُثْمَانَ بْنَ عَفَّانَ أَرَادَ بِنَاءَ الْمَسْجِدِ فَكَرِهَ النَّاسُ ذَلِكَ، وَأَحَبُّوا أَنْ يَدَعَهُ عَلَى هَيْئَتِهِ، فَقَالَ: سَمِعْتُ رَسُولَ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ يَقُولُ: «مَنْ بَنَى مَسْجِدًا لِلهِ بَنَى اللهُ لَهُ فِي الْجَنَّةِ مِثْلَهُ».

[صحيح] - [متفق عليه] - [صحيح مسلم: 533]
المزيــد ...

Mahmuud bin Labiid irraa odeeffame, Rabbiin irraa haa jaalatu:
Usmaan bin Affaan masjiida ijaaruu barbaade, garuu namoonni san ni jibbanii, akkuma jirutti akka isa dhiisu jaallatan, ni jedhe: Ani Rasuula Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- kan akkana jedhu dhaga'e: "Namni Rabbiif jecha masjiida tokko ijaare, Rabbiin jannata keessatti waan isa fakkaatu isaaf ijaara".

[sirrii] - [Bukharif muslim irratti waliigalan] - [Sahiiha muslim - 533]

Ibsaa

Usmaan bin Affaan Rabbiin irraa haa jaallatu Masjiida Nabiyyii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- ijaarsa isaa isa jalqabaa caalaa haala gaariin deebisee ijaaruu barbaade, garuu namoonni san ni jibban; Sababni isaas jijjiirama ijaarsaa sana keessa ijaarsa masjiidaa waan inni bara Nabiyyii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- keessatti irra jiru irraa jijjiiruun waan jiruuf jecha. Masjiidni kun dhoqqeedhaan kan ijaarame yoo ta’u, xaaraan isaas muka timiraa irraa hojjetame. Garuu Usmaan dhagaa fi jeessoon ijaaruu barbaade. Usmaan Rabbiin irraa haa jaallatu Nabiyyii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- kan akkana jedhu kan dhaga'e ta'uu isaanitti hime: Namni fakkeessummaa fi maqaa gaarii barbaaduun malee jaalala Isaa barbaadee masjiida ijaare mindaa gosa hojii isaa irra caalu Rabbiin ol ta'e isa mindeessa, mindaan kunis Rabbiin Jannata keessatti fakkaataa waan inni ijaaree isaaf ijaaruudha.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa turkiffaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii vetenaamiffaa kurdiffaa hoosaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii buurmaaffaa taaylaandiffaa bishtuu asaamiiffaa albaaniyaffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa HSomaaliffaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa cheekiffaa xaaliyaaniffaa kanadiffaa okraaniffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Masjiidota ijaaruu irratti kakaasuu fi sadarkaa sanaa ibsuudha.
  2. Masjiida bal’isuu fi haaromsuun sadarkaa ijaarsaa keessa akka galuudha.
  3. Hojiilee hunda keessatti barbaachisummaa dalagaa Rabbii ol ta'eef qulqulleessanii dalaguun qabuudha.