+ -

عن أنس بن مالك رضي الله عنه عن النبي صلى الله عليه وسلم قال:
«مَنْ نَسِيَ صَلَاةً فَلْيُصَلِّ إِذَا ذَكَرَهَا، لَا كَفَّارَةَ لَهَا إِلَّا ذَلِكَ: {وَأَقِمِ الصَّلاةَ لِذِكْرِي} [طه: 14]».

[صحيح] - [متفق عليه] - [صحيح البخاري: 597]
المزيــد ...

Anas bin Maalik irraa odeeffame -Rabbiin irraa haa jaalatu- Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkas jedhan:
“Namni salaata tokko irraanfate yeroo isa yaadatetti haa salaatu, san malee bakka bu'aan isaaf hin jiru: {Salaata na yaadachuuf dhaabi} [Xaaha: 14].”

[sirrii] - [Bukharif muslim irratti waliigalan] - [Sahiiha bukhaarii - 597]

Ibsaa

Nabiyyiin -nagaa rahmatni irra haa jiraatu- namni salaata waajibaa kamiyyuu hanga yeroon isaa darbutti raawwachuu irraanfate, yeroma isa yaadatetti ariifatee daddafee isa qadaa baasuu akka qabu ibsaniiru, Muslimni gaafa yaadatu yoo salaate malee dilii saniif dhiifamni ykn haqamni waan hin jirreef jecha. Rabbiin Qur'aana kabajamaa isaa keessatti akkas jedhe: {Salaata na yaadachuuf dhaabi} [Xaaha: 14]”. jechuunis: yeroo yaadattetti salaata dagatame raawwadhu jechuu dha.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa turkiffaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii vetenaamiffaa kurdiffaa hoosaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii buurmaaffaa taaylaandiffaa bishtuu asaamiiffaa albaaniyaffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa HSomaaliffaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa cheekiffaa xaaliyaaniffaa kanadiffaa okraaniffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Barbaachisummaa salaataa ibsuudha, akkasumas isa raawwachuu fi bakka buusuu irratti dagannoon akka hin jirre hubachiisuudha.
  2. rakkoo gahaa tokko malee itti yaadanii Salaata yeroo murtaa’e sanirraa tursiisuun akka hin hayyamamneedha.
  3. Nama irraanfate irratti yeroo yaadatetti akkasumas nama rafe irratti yeroo hirriibaa ka'etti salaata qadaa baasuun dirqama ta'uudha.
  4. Osoo yeroo dhoorgame keessattillee ta'ee Salaatowwan hatattamaan qadaa baasuun dirqama ta'uudha.