+ -

عن عَائِشَةَ رضيَ الله عنها قالت: إِنِّي سمعْتُ رسولَ الله صلى الله عليه وسلم يقول:
«لَا صَلَاةَ بِحَضْرَةِ الطَّعَامِ، وَلَا هُوَ يُدَافِعُهُ الْأَخْبَثَانِ».

[صحيح] - [رواه مسلم] - [صحيح مسلم: 560]
المزيــد ...

Āa'ishaa irraa akka gabaafametti Rabbiin irraa haa jaalatu akkana jette: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkana yoo jedhu dhagahe:
“Nyaanni bakka jirutti salaatni hin jiru, akkasumas yeroo namichi fokkataa lamaanin wal deddeebisu keessattis salaata salaatuun hin jiru”.

[sirrii] - [Muslimtu gabaase] - [Sahiiha muslim - 560]

Ibsaa

Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- bakka nyaata lubbuun nama salaatuu sanaa hawwituu fi qalbiin isaa itti rarraatutti salaatuu dhoorgan.
Akkasumas yeroo fokkatoo lamaanin waliin dhiphatu keessatti salaatuu irraa dhoorganiiru -fokkatoon lamaanis fincaanii fi sagaraadha-; sababni isaas waan inni rakkina ofirraa ittisutti bobba'uuf jecha.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii afaan taamilii buurmaaffaa taaylaandiffaa jarmaniffaa jaappaaniffaa bishtuu asaamiiffaa albaaniyaffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa HSomaaliffaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa cheekiffaa maalaagaashiyaffaa xaaliyaaniffaa kanadiffaa okraaniffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Namni salaatu salaata isaatti osoo hin seenin dura wanta salaata isaa keessatti isa dhiphisu hunda ofirraa fageessuudha qaba.