+ -

عَنْ أَنَسٍ رَضِيَ اللَّهُ عَنْهُ:
أَنَّ رَجُلًا سَأَلَ النَّبِيَّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ عَنِ السَّاعَةِ، فَقَالَ: مَتَى السَّاعَةُ؟ قَالَ: «وَمَاذَا أَعْدَدْتَ لَهَا». قَالَ: لاَ شَيْءَ، إِلَّا أَنِّي أُحِبُّ اللَّهَ وَرَسُولَهُ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ، فَقَالَ: «أَنْتَ مَعَ مَنْ أَحْبَبْتَ». قَالَ أَنَسٌ: فَمَا فَرِحْنَا بِشَيْءٍ، فَرِحْنَا بِقَوْلِ النَّبِيِّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ: «أَنْتَ مَعَ مَنْ أَحْبَبْتَ» قَالَ أَنَسٌ: فَأَنَا أُحِبُّ النَّبِيَّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ وَأَبَا بَكْرٍ، وَعُمَرَ، وَأَرْجُو أَنْ أَكُونَ مَعَهُمْ بِحُبِّي إِيَّاهُمْ، وَإِنْ لَمْ أَعْمَلْ بِمِثْلِ أَعْمَالِهِمْ.

[صحيح] - [متفق عليه] - [صحيح البخاري: 3688]
المزيــد ...

Anas irraa akka odeeffametti -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- akkas jedhe:
Namtichi tokko qiyaamaa irraa akkas jechuun nabiyyii gaafate -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu-qiyaamaan yoomi? nabiyyiinis ni jedhani: «maal qopheessiteef». homaa jedhe, haa ta'u malee ani Rabbii fi ergamaa isaan jaalladha -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu-, ergamaanis akkas jedhani: «ati nama jaallattee woliini». anasis akka jedhe: akka jecha nabiyyii -Rabbii rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- «ati nama jaallattee woliini» jedhuun gammannetti woma tokkoon gammannee hin beeknu, anas eegasii akkas jedhe: anis nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- abuu bakirii fi umarii nan jaalladha, jaalalan isaan jaalladheen isaan woliin ta'uu hawwa, yoon hojiiwwan akka isaanii hojjachuu dhabellee.

[sirrii] - [Bukharif muslim irratti waliigalan] - [Sahiiha bukhaarii - 3688]

Ibsaa

Namtichi baadiyyaa tokko worra barahaa keessa jiraatu irraa kan ta'e yeroo qiyaamaan itti dhaabbattu irraa Nabiyyii gaafate? -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu-
Nabiyyiinis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- hojii gaarii irraa maal qopheessiteef? jedhaniin
namtichi gaafates akkas jedhe: hojii guddoo hin qopheessineef jaalalan Rabbii fi ergamaa isaa jaalladhu malee, sanaan ala ibaadaa qalbiii, qaamaa fi qabeenyaa tokkoyyuu hin dubbanne; hundi isiituu damee jaalalaa kan isii irratti hundooftu waan taateef jecha, akkasumas jaalalli dhugaa hojii gaari hojjachuuf tattaafchuutti nama kakaafti waan ta'eef jecha.
Nabiyyiinis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ati jannatta keessatti nama jaallattee woliin taata isaan jedhani.
Sahaabonni Nabiyyiis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- gammachiisa kanaan gammachuu guddaa gammadani.
eegasii Anas akka Nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- Abuu bakirii fi Umariin jaallatu hime, hojiin isaa akka hojiiwwan isaanii ta'uu baatullee isaan woliin ta'uus akka hawwu hime.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa sawaahiilii taaylaandiffaa bishtuu asaamiiffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa daryaffaa roomaniyaffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. gaafataaf deebii kennuu irratti oguma ergamaan Rabbii qabanu -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- waan irra yaachisaa fi isa baraarutti isa qajeelchani, innis waan bu'aa qabuun aakhiraaf qophaa'uu fi hojii gaarii hojjachuudha.
  2. Rabbiin beekumsa qiyaama gabroota irraa dhokse, akka namni qophaa'aa ta'ee eeguuf jecha.
  3. sadarkaa Rabbiin, ergamaa isaa fi gaggaarii mu'umintootaa jaallachuun qabuu fi jaalala mushriktootaa irraa sodaachisuudha.
  4. "Ati nama jaallattee wiliini" jechuun nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buus- sadarkaa fi qubsumatti tokko ta'uu miti kan itti fedhame, kan itti fedhame bakki yoo fagaatellee jannata keessatti hunduu wol arguu akka danda'uudha.
  5. Waan isaaf bu'aa hin qabne dhiisee gara waan isaaf irra gaarii ta'ee fi irra bu'a qabeessa ta'eetti muslimoota qajeelchuutu keessa jira.