+ -

عَنْ أَبِي هُرَيْرَةَ رضي الله عنه عَنِ النَّبِيِّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ قَالَ:
«أَمَا يَخْشَى أَحَدُكُمْ - أَوْ: لاَ يَخْشَى أَحَدُكُمْ - إِذَا رَفَعَ رَأْسَهُ قَبْلَ الإِمَامِ، أَنْ يَجْعَلَ اللَّهُ رَأْسَهُ رَأْسَ حِمَارٍ، أَوْ يَجْعَلَ اللَّهُ صُورَتَهُ صُورَةَ حِمَارٍ».

[صحيح] - [متفق عليه] - [صحيح البخاري: 691]
المزيــد ...

Abuu Hureyraa irraa odeeffamee Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhan:
“Tokkoon keessan yeroo imaama dura mataa isaa ol kaasu, Rabbiin mataa isaa mataa harree taasisuu, ykn Rabbiin suuraa isaa suuraa harree taasisuu hin sodaatuu?".

[sirrii] - [Bukharif muslim irratti waliigalan] - [Sahiiha bukhaarii - 691]

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- nama imaama isaa dura mataa isaa ol kaasu irratti akeekkachiisa jabaadha himan, innis Rabbiin mataa isaa mataa harree taasisuudhaan, ykn suuraa isaa suuraa harree taasisuudhaan.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii taaylaandiffaa jarmaniffaa bishtuu asaamiiffaa albaaniyaffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa HSomaaliffaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa cheekiffaa maalaagaashiyaffaa okraaniffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Nama imaama waliin salaatuf haalawwan afurtu jiru: sadii dhoorgamoodha, isaanis: imaama dorgomuu, wal qunnamuu fi imaama irraa boodatti harkifachuudha, inni nama imaamatti hidhatee saalaatuuf karaa godhame: imaama hordofuudha.
  2. Salaata keessatti mama imaama waliin salaatu irratti imaama hordofuun dirqama ta'uudha.
  3. Suuraa nama imaama dura mataa isaa ol kaasuu gara suuraa harretti jijjiiramuun akeekkachiisuun waanuma malu, innis suuraa namaa gara irra fokkataa suuraatti jijjiiruudha.