+ -

عَنْ ‌حِطَّانَ بْنِ عَبْدِ اللهِ الرَّقَاشِيِّ قَالَ: صَلَّيْتُ مَعَ ‌أَبِي مُوسَى الْأَشْعَرِيِّ صَلَاةً، فَلَمَّا كَانَ عِنْدَ الْقَعْدَةِ قَالَ رَجُلٌ مِنَ الْقَوْمِ: أُقِرَّتِ الصَّلَاةُ بِالْبِرِّ وَالزَّكَاةِ، قَالَ: فَلَمَّا قَضَى أَبُو مُوسَى الصَّلَاةَ وَسَلَّمَ انْصَرَفَ فَقَالَ: أَيُّكُمُ الْقَائِلُ كَلِمَةَ كَذَا وَكَذَا؟ قَالَ: فَأَرَمَّ الْقَوْمُ، ثُمَّ قَالَ: أَيُّكُمُ الْقَائِلُ كَلِمَةَ كَذَا وَكَذَا؟ فَأَرَمَّ الْقَوْمُ، فَقَالَ: لَعَلَّكَ يَا حِطَّانُ قُلْتَهَا؟ قَالَ: مَا قُلْتُهَا، وَلَقَدْ رَهِبْتُ أَنْ تَبْكَعَنِي بِهَا، فَقَالَ رَجُلٌ مِنَ الْقَوْمِ: أَنَا قُلْتُهَا، وَلَمْ أُرِدْ بِهَا إِلَّا الْخَيْرَ، فَقَالَ أَبُو مُوسَى: أَمَا تَعْلَمُونَ كَيْفَ تَقُولُونَ فِي صَلَاتِكُمْ؟ إِنَّ رَسُولَ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ خَطَبَنَا فَبَيَّنَ لَنَا سُنَّتَنَا وَعَلَّمَنَا صَلَاتَنَا، فَقَالَ:
«إِذَا صَلَّيْتُمْ فَأَقِيمُوا صُفُوفَكُمْ، ثُمَّ لِيَؤُمَّكُمْ أَحَدُكُمْ فَإِذَا كَبَّرَ فَكَبِّرُوا، وَإِذْ قَالَ: {غَيْرِ الْمَغْضُوبِ عَلَيْهِمْ وَلا الضَّالِّينَ} [الفاتحة: 7]، فَقُولُوا: آمِينَ، يُجِبْكُمُ اللهُ، فَإِذَا كَبَّرَ وَرَكَعَ فَكَبِّرُوا وَارْكَعُوا، فَإِنَّ الْإِمَامَ يَرْكَعُ قَبْلَكُمْ، وَيَرْفَعُ قَبْلَكُمْ»، فَقَالَ رَسُولُ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ: «فَتِلْكَ بِتِلْكَ، وَإِذَا قَالَ: سَمِعَ اللهُ لِمَنْ حَمِدَهُ، فَقُولُوا: اللَّهُمَّ رَبَّنَا لَكَ الْحَمْدُ، يَسْمَعِ اللهُ لَكُمْ، فَإِنَّ اللهَ تَبَارَكَ وَتَعَالَى قَالَ عَلَى لِسَانِ نَبِيِّهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ: سَمِعَ اللهُ لِمَنْ حَمِدَهُ، وَإِذَا كَبَّرَ وَسَجَدَ فَكَبِّرُوا وَاسْجُدُوا، فَإِنَّ الْإِمَامَ يَسْجُدُ قَبْلَكُمْ وَيَرْفَعُ قَبْلَكُمْ»، فَقَالَ رَسُولُ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ: «فَتِلْكَ بِتِلْكَ، وَإِذَا كَانَ عِنْدَ الْقَعْدَةِ فَلْيَكُنْ مِنْ أَوَّلِ قَوْلِ أَحَدِكُمُ: التَّحِيَّاتُ الطَّيِّبَاتُ الصَّلَوَاتُ لِلهِ، السَّلَامُ عَلَيْكَ أَيُّهَا النَّبِيُّ وَرَحْمَةُ اللهِ وَبَرَكَاتُهُ، السَّلَامُ عَلَيْنَا وَعَلَى عِبَادِ اللهِ الصَّالِحِينَ، أَشْهَدُ أَنْ لَا إِلَهَ إِلَّا اللهُ وَأَشْهَدُ أَنَّ مُحَمَّدًا عَبْدُهُ وَرَسُولُهُ».

[صحيح] - [رواه مسلم] - [صحيح مسلم: 404]
المزيــد ...

Hixxaan bin Abdullaah Al-Raqqaashii irraa odeeffamee akkas jedhe: Abuu Muusaa Al-ash’arii wajjin salaata tokko salaatee ture, yeroo inni taa’u Namichi tokko ummata keessaa akkana jedhe: Salaanni qajeelummaa fi zakaan wal bira qabamee ilaalame, ni jedhe: Abu Muusaan yeroo salaata xumure garagalee akkas jedhe: Eenyuu keessaniitu jecha akkanaa fi akkasii dubbate? ni jedhe: ummanni ni callise, innis eegasii akkas jedhe: Eenyuu kaassantu jecha akkanaa akkasii dubbate? ni jedhe: ummanni ni callise, innis akkas jedhe: Yaa Hixxaan ati akkas jechuu hin ooltu? ni jedhe: ani akkas hin jenne, dhugumatti ittiin na yakkita jedhee sodaadheera, Ummata keessa namichi tokko akkas jedhe: Anaatu akkas jedhe, toltuuf malee wahiifuu hin jenne, Abuu Muusaan akkas jedhe: Salaata keessan keessatti maal akka jettan hin beektanii? Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- nu gorsanii sunnaa keenya nuuf ibsanii salaata keenyas nu barsiisan, akkas jedhan:
"Yeroo salaattan tarree keessan qajeelchaa, eegasii tokkoon keessan imaama isiniif haa ta'u, yeroo inni Allaahu akbar jedhe isinis Allaahu akbar jedhaa, Yeroo inni akkana jedhe: {Geyril magduubi Aleyhim waladdaalliin} [Faatihaa: 7], isin ammoo akkana jedhaa: Aamiin, Rabbiin isiniif owwaataa, Yeroo inni Allaahu Akbar jedhee jilba qabate isinis Allaahu akbar jedhaa jilba qabadhaa, Imaamni isin dura jilba qabatee, isin duras ol jedha, jilba qabata, isin duras Ol jedha", Ergamaan -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu-: "suni saniini, yeroo inni jedhe: Sami'allaahu liman hamidah, jechuunis: Rabbiin nama isa faarse dhagahe jechuudha, jedhaa: Allaahumma Rabbanaa lakalhamdu, jechuunis: Yaa Rabbii, Gooftaa keenya Galanni Siif haa ta’u" jechuudha. Rabbiin isiniif ni dhagaha, Rabbiin ol tahe, arraba Nabiyyii Isaatiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- ni jedhe: Rabbiin nama Isa faarsef dhagahe, yeroo inni Allaahu Akbar jedhee sujuuda godhe isinis Allaahu akbar jedhaa sujuuda godhaa! Imaamni isin dura sujuuda godhee, isin duras ol jedha, Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- ni jedhan: "suni saniin, yeroo taa'uu bira gahe, jalqaba waan tokkoon keessan jedhu irraa haa ta'u: Attahiyyaatu, Axxayyibaatu, Assalawaatu Lillaah, Assalaamu aleyka ayyuhannabiyyu warahmatullaahi wabarakaatuhu, assalaamu aleynaa wa alaa ibaadillaahissaalihiin, Ash'hadu an laa illallaah, wa Ash'hadu anna muhammadan abduhuu wa rasuuluh, jechuunis: kabajoowwan, wanti gaggaarii fi rahmanni Rabbiifi, yaa nabiyyii, nageenyi fi rahmanni Rabbii fi barakaan Isaa sirra haa jiraatu, nageenyi nu fi gabroota Rabbii gaggaari irras haa jiraatu, Rabbiin malee gabbaramaan biraa akka hin jirre ragaa baha, Muhammad gabrichaa fi Ergamaa Isaa ta’uu ragaa ba’a" jechuudha.

[sirrii] - [Muslimtu gabaase] - [Sahiiha muslim - 404]

Ibsaa

Sahaabichi Abuu Muusaa Al-Ash’arii Rabbiin irraa haa jaallatu salaata tokko ni salaatee, Yeroo taa'insa isa keessa tashahhudni jiru gahe, Namichi warra isa duubaan salaataa jiru irraa ta'e tokko ni akkana jedhe: Qur’aana keessatti salaanni toltuu fi zakaan qindeeffamte. Abuu Muusaa Rabbi irraa haa jaallatu yeroo salaata xumure gara namoota duubaan salaatanitti garagalee akkana jedhee isaan gaafate: Eenyuu keessantu jecha kan jedhe: Qur’aana keessatti salaanni toltuu fi zakaan walitti qindeeffamte?! ummanni ni callise, isaan irraa namni tokkos hin dubbanne, Gaaffii sana irra deebi’ee gaafate, namni tokkolleen isaaf deebisuu dhabnaan, Abuu Muusaan Rabbiin irraa haa jaallatu akkana jedhe: Yaa Hixxaan tarii sumaatu akkas jedhe! ija jabaatuu isaatif jecha, akkasumas itti dhiheenya fi walitti dhufinsa isaan wajjiin qabuuf jecha, sanaan isa shakkiin waan isa miidhu hin qabu, akkasumas Nama dhugatti akkas jedhe dhugaa akka himu dhiibuuf jecha, Hixxaan garuu ni haalee, akkana jedhe: Ani waanan jedhe sitti fakkaatee na qeeqta jedheen sodaadhe, asitti eegaa ummata keessaa namichi tokko akkas jedhe: anaatu akkas jedhe, garuu keyrii maleef hin jenne, Abuu Muusaan isa barsiisuf jecha akkana jedhe: Salaata keessan keessatti akkam akka jettan hin beektanii?! kunis jecha isaa san balaalefattuufi, Sana booda Abuu Muusaan Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- yeroo tokko isaan akka gorsanii, seera shari'aa akka isaanif ibsanii, salaata isaan barsiisan itti hime, Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu- akkana jedhan:
akkana jedhan: "Yeroo salaattan tarree keessan qajeelchaa, sirrayaa dhaabbadhaa, sana booda namoota keessaa namni tokko imaama isaanif ta'a, yeroo imaamni takbiira hidhannaa jedhe, isinis sana sana booda takbiiraa sana jedhaa, suuraa Faatihaa yeroo qara’ee as gahe: {Geyril magduubi Aleyhim waladdaalliin} jechuunis: karaa warra irratti dallansuun godhamee fi warra jallatan, kan tahin jechuudha, [Faatihaa: 7], isin aamiin jedhaa,Yeroo akkas gootan Rabbiin kadhaa keessan isiniif owwaata, Yoo takbiira jedhee jilba qabate isinis jedhaa jilba qabadhaa, imaamni isin dura jilba qabatee, isin dura irraa ol jedha, isin isa hin dursinaa, Yeroon muraasni imaamni isa keessatti gara Rukuu'atti isin dursu sun Rukuu'a keessatti eega inni ol jedhee yeroo muraasa isa booda turuu keessaniini isiniif qobbama, kanaaf yeroon sun yeroo saniin wajjiin tokko ta’a, kana jechuun Yeroon jilba qabachuu keessanii fi isaa tokkuma jechuudha, yeroo imaamni sami'allaahu liman hamidah jedhe, isin akkana jedhaa: Allaahumma Rabbanaa lakal hamdu, yeroo warri salaataa jiru akkas jedhan Rabbiin qulqullaa'e kadhannaa isaanitii fi jecha isaanii ni dhagaha, Rabbiin ol ta'e arraba Nabiyyii Isaa irratti akkana jedhe: Rabbiin nama Isa faarsef dhagahe. yeroo imaamni Allaahu akbar jedhee sujuuda bu'e warri isa duubaan salaataa jiranis Allaahu akbar jedhanii sujuuda bu'u qabu, imaamni isaan dura sujuuda bu'ee, isaan dura ol jedha, yeroon muraasni sun yeroo muraasa saniin wajjiin tokko ta'a, kanaani yeroon sujuuda ma'amuumatii fi yeroon sujuuda imaamaa tokko ta'a, yeroo imaamni tashahhudaf taa'uu bira gahe jalqabni waan namichi salaataa jiru jedhuu akkana jechuu haa ta'u: "Al-tahiyyaatu, al-xayyibaatu, al-salawaatu Lillaah" jechuunis: Mootummaan, hafuu fi guddinni hundinuu Rabbii ol ta'eef haqa godhamtuudha jechuudha, akkasuma salaanni shanan hunduu Rabbiifi jechuudha, "Al-salaamu aleyka ayyuhannabiyyu wa rahmatullaahi wa barakaatuh, al-salaamu aleynaa wa alaa ibaadillaahissaalihiin" jechuunis Salaamni sirra haa jiraatu Yaa Nabiyyicha, akkasumas rahmanni Rabbii fi barakaan Isaa sirra haa jiraatu, salaamni nuu fi gabroota Rabbii gaggaarii irratti haa jiraatu jechuudha, mudaa, rakkina, hanqina fi manca’iinsa hunda irraa nagaa ta'uu Rabbiin kadhadhaa, Keessattuu Nabiyyii keenya Muhammadiin salaaman adda baafnee ergasii ofirratti nagaa buufna, ergasii gabroota Rabbii gaggaarii warra haqa Rabbii ol ta'ee fi haqa gabroota Isaa irraa waan isaan irratti dirqama isaanii ba'an irratti salaamata buufna, ergasii haqaan gabbaramaan Rabbiin malee akka hin jirree fi Muhaammad gabrichaa fi Ergamaa Isaa akka ta'an ragaa baana.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa turkiffaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii afaan taamilii buurmaaffaa taaylaandiffaa bishtuu asaamiiffaa albaaniyaffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa HSomaaliffaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa cheekiffaa الموري maalaagaashiyaffaa xaaliyaaniffaa kanadiffaa الولوف azriffaa okraaniffaa الجورجية
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Bifa tashahhudaa keessaa tokko ibsuudha.
  2. Gochoonni fi jechoonni salaataa waan Nabiyyii irraa -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- mirkanaa’e irraa ta’uu qabaadha, salaata keessatti jecha ykn gocha sunnaa keessatti hin mirkanaa'in haaraa fiduun nama tokkolleef hin danda'amu.
  3. Salaata keessatti imaama waliin dorgomuu fi duubatti hafuun akka hin danda'amneedha, nama imaama duuban salaatuf inni hayyamamu gochoota isaa keessatti imaama hordofuudha.
  4. Diin geessuu fi ummata isaanii shari'aa barsiisuu keessatti yaaddoo irraa waan Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- irra turan dubbachuudha.
  5. Imaamni nama isa duubaan salaatuuf fakkeenya ta’a, kanaaf gochoota salaataa keessatti isaan dorgomuun, isa waliin deemuu fi isa irraa duubatti hafuun isaaf hin danda'amu, inumaayyuu gocha inni raawwachuu barbaadu keessa seenuu isaa, erga mirkaneeffatee booda isa hordofuu jalqaba, akkasumas sunnaan salaata keessatti isa hordofuu dha.
  6. Salaata keessatti tarree galuun karaa ta'uudha.