+ -

عن ابنِ عَبَّاسٍ رضي الله عنهما عن النبيِّ صلى الله عليه وسلم قال:
«أُمِرْتُ أَنْ أَسْجُدَ عَلَى سَبْعَةِ أَعْظُمٍ: عَلَى الْجَبْهَةِ وَأَشَارَ بِيَدِهِ عَلَى أَنْفِهِ، وَالْيَدَيْنِ، وَالرُّكْبَتَيْنِ، وَأَطْرَافِ الْقَدَمَيْنِ، وَلَا نَكْفِتَ الثِّيَابَ وَالشَّعَرَ».

[صحيح] - [متفق عليه] - [صحيح البخاري: 812]
المزيــد ...

Ibnu Abbaas irraa odeeffamee -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhan:
Humna torba irratti akkan sujuudu ajajame: kallacha (adda) irratti, harka isaanitiin gara funyaan isaanii akeekan, akkasumas harka lameen, jilba lameeni fi fiixa miila lameenii irratti, uffataa fi rifeensa akka lafa hin tuqneef hin qabnu.

[sirrii] - [Bukharif muslim irratti waliigalan] - [Sahiiha bukhaarii - 812]

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akka Rabbiin humna qaamaa torba irratti sujuudutti isaan ajaje ibsan; isheenis:
Tokkoffaa: Kallacha (adda): isheenis kutaa fuulaa tan funyaani fi ija lameen gubbatti argamtuudha, Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- harka isaanitiin gara funyaan isaanii akeekuun, kallachii fi funyaan humna torban sana irraa humna tokko akka ta'an ibsan, namni sujuudu funyaan isaatiin lafa tuquudha qaba jechuu gad jabeessuuf jecha.
Humni lammaffaa fi sadaffaan: harka lameeni.
Afraffaa fi Shanaffaan: Jilba lameeni.
Jahaffaa fi Torbaffaan: qubbeen miila lameeniiti.
Yeroo dachii irratti sujuudnu akka lafa hin tuqne eeguudhaaf jecha rifeensa keenya ol qabachuu dhabuutti, ykn uffata garii isaa garii irratti ol sassaabbachuu dhabuutti nu ajajaniiru, inumaayyuu humnoolee toban sanaan lafa tuquudhaan akka sujuuda gootuuf jecha isa gadi lakkisuudha qabna.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii afaan taamilii buurmaaffaa taaylaandiffaa jarmaniffaa jaappaaniffaa bishtuu asaamiiffaa albaaniyaffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa HSomaaliffaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa cheekiffaa maalaagaashiyaffaa kanadiffaa okraaniffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Salaata keessatti qaama torban irratti sujuuduun dirqama tahuudha.
  2. Yeroo sujuudaa uffataa fi rifeensa walitti sassaabbachuun jibbamaa tahuudha.
  3. Nama salaataa jiru irratti humnoolee torban sujuudaa sana lafa irra kaa'uun hanga zikrii sujuuda keessatti karaa godhame jedhuutti tasgabbaa'uun dirqama tahuudha.
  4. Yeroo sujuudaa rifeensa sassaabbachuu irraa dhoorguun dubartii osoo hin tahin dhiira qofaafi; sababni isaas dubartiin salaata keessatti haguuggatutti waan ajajamteef jecha.