عن ابن عباس رضي الله عنهما:
كان النبي صلى الله عليه وسلم يقول بين السجدتين: «اللَّهمَّ اغْفِرْ لي، وارْحَمْنِي، وعافِني، واهْدِني، وارزقْنِي».
[حسن بشواهده] - [رواه أبو داود والترمذي وابن ماجه وأحمد] - [سنن أبي داود: 850]
المزيــد ...
Ibnu Abbaas irraa akka odeeffametti -Rabbi isaan lameen irraa haa jaallatu-:
Nabiyyiin -Rabbii rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- sujuuda lameen gidduutti akkana jedhu ture: «Allaahummaghfir lii, warhamnii, wa Aafinii, wahdinii, warzuqnii».
[ragaalee isaatiin hasani] - [abuu daawud, tirmizii, ibnumaajah fii ahmad odeessan] - [Sunana abbaa daawud - 850]
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- sujuuda lameen gidduutti kadhannaa shanan kan muslimni akka jabaatti itti haajomu kanaan kadhatu turani, toltuu duuniyaaf Aakhiraa kan waliitti qabatteedha, araarama gaafachuu, badii sattaruu fi isa irra darbuu gaafachuu, rahmata woliin ga'uu, fedhiiwwan, waan namatti wol fakkaatan, dhukkuboowwanii fi laalaawwan irraa nagaa ta'uu gaafachuu, qajeeluma Rabbiin gaafachuu fi isa irratti ragga'uu fi iimaana, beekumsa, hojii gaarii fi qabeenya halaalaa bareedaa akka isaaf kennu gaafachuu irraa.