عَنِ الْبَرَاءِ رضي الله عنه قَالَ: قَالَ رَسُولُ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ:
«إِذَا سَجَدْتَ، فَضَعْ كَفَّيْكَ وَارْفَعْ مِرْفَقَيْكَ».
[صحيح] - [رواه مسلم] - [صحيح مسلم: 494]
المزيــد ...
AlBaraa'i irraa akka odeeffametti -Rabbiin irraa haa jaallatu- akkana jedhe: Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhan:
«Yeroo sujuuda gootu harka keessoo (ganaa) kee lamaan lafa kaa'ii, ciqilee kee lamaan lafa irraa ol kaasi».
[sirrii] - [Muslimtu gabaase] - [Sahiiha muslim - 494]
Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- yeroo salaata keessatti sujuuda godhan harki akkamitti ta’uu akka qabu ibsaniiru, sunis shanacha harkaa(ganaa) lamaan qubbeen walitti maxxantuu haala taateen gara kallattii qiblaatti garagalchanii lafa kaa’uuni, ciqileen lamaan akka lafa hin tuqne ol ka'oo fi chanaacha lamaan irraa kan fagaatan ta'u qaban.