+ -

عَنْ أَبِي هُرَيْرَةَ رضي الله عنه قَالَ: قَالَ رَسُولُ اللَّهِ صَلَّى اللَّهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ:
«أَسْوَأُ النَّاسِ سَرَقَةً الَّذِي يَسْرِقُ صَلَاتَهُ» قَالَ: وَكَيْفَ يَسْرِقُ صَلَاتَهُ؟ قال: «لَا يُتِمُّ رُكُوعَهَا، وَلَا سُجُودَهَا».

[صحيح] - [رواه ابن حبان] - [صحيح ابن حبان: 1888]
المزيــد ...

Abuu Hureyraa irraa odeeffame, Rabbiin irraa haa jaallatu akkana jedhe: Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhan:
"Hattuun hamaan nama salaata hatuu dha", ni jedhe :akkmitti salaata isaa hata? ni jedhan: "Rukuu'as ta'e sujuuda isaa hin guutu".

[sirrii] - [ibnu hibbaan odeesse] - [sahiiha ibnuhibbaan - 1888]

Ibsaa

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- namni baay’ee fokkataan hattuu salaata isaa irraa hatu akka ta’e ibsaniiru. hattuu kana kan adda taasisu, qarshii nama biraa fudhachuun addunyaa kana irratti fayyadamuu danda'a. Sababni isaas mindaa fi ajrii ofii argachuu qabu hate waan ta'eef jecha, ni jedhan: Yaa Ergamaa Rabbii akkamitti namni salaata ofii hata? Isaanis: Rukuu'aa fi sujuuda salaataa hin guutu; sunis rukuu'a fi sujuuda keessatti ariifatuuni, akkataa barbaadameen isaan hin raawwatu.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa turkiffaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii vetenaamiffaa kurdiffaa hoosaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii buurmaaffaa taaylaandiffaa bishtuu asaamiiffaa albaaniyaffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa HSomaaliffaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa cheekiffaa xaaliyaaniffaa kanadiffaa okraaniffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Barbaachisummaa salaata tolfachuu fi tasgabbii fi khushuu'a eeggatanii utubaawwan isiitin dhufuun qabuudha.
  2. Nama rukuu'a fi sujuuda sirnaan hin raawwanne bifa hattuutin ibsuun waan kanarraa akeekkachiisuu fi akka dhoorgaa ta'e ibsuudha.
  3. Salaata kessatti rukuu'a fi sujuuda guutuu fi isaan keessatti sirnaan ol jedhanii raawwachuun dirqama ta'uudha.