1. Fuula Duraa
  2. Maxxansaawwan
  3. fiqhiifii beekkomsa hundee isaa

Hadiisa Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- yeroo salaata jalqabuuf jedhan,

عَن ابْنِ عُمَرَ رضي الله عنهما:
أَنَّ رَسُولَ اللَّهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ كَانَ يَرْفَعُ يَدَيْهِ حَذْوَ مَنْكِبَيْهِ إِذَا افْتَتَحَ الصَّلَاةَ، وَإِذَا كَبَّرَ لِلرُّكُوعِ، وَإِذَا رَفَعَ رَأْسَهُ مِنَ الرُّكُوعِ، رَفَعَهُمَا كَذَلِكَ أَيْضًا، وَقَالَ: «سَمِعَ اللَّهُ لِمَنْ حَمِدَهُ، رَبَّنَا وَلَكَ الحَمْدُ»، وَكَانَ لاَ يَفْعَلُ ذَلِكَ فِي السُّجُودِ.

Ibnu Umar irraa odeeffame, Rabbiin isaan lamaan irraa haa jaallatu:
Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- yeroo salaata jalqabuuf jedhan, yeroo jilba qabachuuf Allaahu akbar jedhan qixxee ceekuu isaanii lamaanitti harka isaanii lamaan kan ol kaasan ta'an, akkasumas yeroo jilba qabachuu irraa mataa isaanii ol kaasan harka isaanii lamaan ol kaasanii, akkana kan jedhan ta'an: «Sami'allaahu Liman Hamidah, Rabbanaa walakal hamd», hiikkaan isaatis Rabbiin nama Isa faarse dhagahe, yaa Rabbii keenya faaruun keeti jechuudha. Yeroo sujuuda godhan sana kan hin hojjenne ta'an.

sirrii Bukharif muslim irratti waliigalan Sahiiha bukhaarii - 735

Ibsa

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- yeroo salaatan harka isaanii hanga sirrii ceekuu isaanitti bakkoolee sadii keessatti kan ol kaasan ta'an, ceekuun walitti qabama lafee gateettii fi irreeti.
Bakki tokkoffaa: Yeroo salaata takbiiraa hidhannaatiin jalqabeedha.
Lammaffaan: Yeroo jilba qabachuuf Allaahu akbar jedheedha.
Sadaffaan: Yeroo jilba qabachuu irraa ol jedhee akkas jedhu:- Sami'allaahu Liman hamidah, Rabbanaa walakal hamd.
Yeroo sujuuda jalqabuu fi yeroo irraa ol jedhu harka isaa lamaan ol hin kaasu.

bu'aa hadiisichaa irraa

  1. Ogummaalee salaata keessatti harka lamaan ol kaasuu keessaa tokko sun faaya salaataa fi Rabbiin -Inni qulqullaa'e- guddisuudha.
  2. Akkuma gabaasa Abbaa Humeyd Al-Saa’idii kan Abii Daawuudii fi nama biroo bira jiru keessatti eddoo afraffaa keessatti harka isaanii lamaan ol kaasuun isaan irraa -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- dhufeera, innis Salaata rak'aa sadii fi afurii keessatti yeroo Tashahhud jalqabaa irraa dhaabbataniidha.
  3. Ammas yeroo harka isaanii lamaan ol kaasan osoo hin tuqne qixa gurra isaanii lamaanitti kan ol kaasan ta'uun isaan irraa -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- dhufeera, sunis akka gabaasa Maalik bin Al-huweyris kan sahiiha lamaan keessa jiru keessa jirutti: «Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irratti haa jiraatu- yeroo Allaahu akbar harka isaanii lamaan qixa gurra isaanii lamaanitti kan ol kaasan ta'an».
  4. Jidduu "sami'allaahu Liman hamidah" jechuu fi "Rabbanaa walakal hamd" jechuu walitti qabuun imaama fi nama kophaa salaatuufi, namni imaama duubaan salaatu ammoo akkana jedha: "Rabbanaa walakal hamd".
  5. Jechi erga jilba qabatanii ol jedhanii: "Rabbanaa lakal hamd" jedhu akkaataa afuriin Nabiyyii irraa -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- mirkanaa'ee jira. kun san irraa tokkoodha, irra caalaan namichi akkaataa kanneen keessaa yeroo tokko kana yeroo kan biraa jechuun hordofuudha.

Hiikkaawwan dhiheessuu

58 Afaan
EN English الإنجليزية
UR اردو الأوردية
ES Español الإسبانية
ID Indonesia الإندونيسية
UG ئۇيغۇرچە الأيغورية
BN বাংলা البنغالية
FR Français الفرنسية
TR Türkçe التركية
RU Русский الروسية
BS Bosanski البوسنية
SI සිංහල السنهالية
HI हिन्दी الهندية
ZH 中文 الصينية
FA فارسی الفارسية
VI Tiếng Việt الفيتنامية
TL Tagalog تجالوج
KU Kurdî الكردية
HA Hausa الهوسا
PT Português البرتغالية
ML മലയാളം المليالم
TE తెలుగు التلغو
SW Kiswahili السواحيلية
TA தமிழ் التاميلية
MY မြန်မာ البورمية
TH ไทย التايلندية
DE Deutsch الألمانية
PS پښتو بشتو
AS অসমীয়া الأسامية
SQ Shqip الألبانية
SV Svenska السويدية
AM አማርኛ الأمهرية
NL Nederlands الهولندية
GU ગુજરાતી الغوجاراتية
KY Кыргызча القيرقيزية
NE नेपाली النيبالية
YO Yorùbá اليوروبا
LT Lietuvių الليتوانية
PRS دری الدرية
SR Српски الصربية
SO Soomaali الصومالية
TG тоҷикӣ الطاجيكية
RW Kinyarwanda الكينياروندا
RO Română الرومانية
HU Magyar المجرية
CS Čeština التشيكية
MOS Moore الموري
MG Malagasy المالاجاشية
KN ಕನ್ನಡ الكانادا
WO Wolof الولوف
AZ Azərbaycan الأذربيجانية
UZ O‘zbek الأوزبكية
UK Українська الأوكرانية
KA ქართული الجورجية
MK Македонски المقدونية
KM ភាសាខ្មែរ الخميرية
PA ਪੰਜਾਬੀ البنجابية
MR मराठी الماراثية
KMR Kurmancî الكرمنجية