+ -

عن أَبِي حَازِمِ بْن دِينَارٍ:
أَنَّ رِجَالًا أَتَوْا سَهْلَ بْنَ سَعْدٍ السَّاعِدِيَّ، وَقَدِ امْتَرَوْا فِي الْمِنْبَرِ مِمَّ عُودُهُ، فَسَأَلُوهُ عَنْ ذَلِكَ، فَقَالَ: وَاللهِ إِنِّي لَأَعْرِفُ مِمَّا هُوَ، وَلَقَدْ رَأَيْتُهُ أَوَّلَ يَوْمٍ وُضِعَ، وَأَوَّلَ يَوْمٍ جَلَسَ عَلَيْهِ رَسُولُ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ، أَرْسَلَ رَسُولُ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ إِلَى فُلَانَةَ -امْرَأَةٍ من الأنصار قَدْ سَمَّاهَا سَهْلٌ-: «مُرِي غُلَامَكِ النَّجَّارَ أَنْ يَعْمَلَ لِي أَعْوَادًا أَجْلِسُ عَلَيْهِنَّ إِذَا كَلَّمْتُ النَّاسَ»، فَأَمَرَتْهُ فَعَمِلَهَا مِنْ طَرْفَاءِ الْغَابَةِ، ثُمَّ جَاءَ بِهَا، فَأَرْسَلَتْ إِلَى رَسُولِ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ، فَأَمَرَ بِهَا فَوُضِعَتْ هَاهُنَا، ثُمَّ رَأَيْتُ رَسُولَ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ صَلَّى عَلَيْهَا وَكَبَّرَ وَهُوَ عَلَيْهَا، ثُمَّ رَكَعَ وَهُوَ عَلَيْهَا، ثُمَّ نَزَلَ الْقَهْقَرَى، فَسَجَدَ فِي أَصْلِ الْمِنْبَرِ ثُمَّ عَادَ، فَلَمَّا فَرَغَ أَقْبَلَ عَلَى النَّاسِ فَقَالَ: «أَيُّهَا النَّاسُ، إِنَّمَا صَنَعْتُ هَذَا لِتَأْتَمُّوا وَلِتَعَلَّمُوا صَلَاتِي».

[صحيح] - [متفق عليه] - [صحيح البخاري: 917]
المزيــد ...

Abu Hazim bin Diinaar irraa odeeffame:
Namoonni tokko gara Sahl bin Sa'ad Al-Saa'idii dhufanii, minbirri maal irraa tolfamee keessatti dhugumatti haala wal mormaniin, waa’ee sanaa isa gaafatan, innis akkas jedhe: Rabbiin kakadhee inni maal irraa akka ta'e nan beeka, ani guyyaa jalqabaa itti kaayame dhugumatti isa argeera, guyyaa jalqabaa Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- irra taa'anis argeera. Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- dubartii wahitti akkana jechuun ni ergan -isiin dubartii warra Ansaaraa irraa taate yoo taatu sahl maqaa isii waameera-: "Minbira yeroon namootatti dubbadhu irra taa’u akka naaf tolchu gabricha kee ogeessa ijaarsaa san ajaji", isheenis isa ajaja itti dabarsitee, innis gaattiraa bosonaa irraa isa tolchee, eegasii isa qabee dhufee, Ergamaa Rabbiitiif -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- ergite, isaanis itti ajajanii as kaa'ame. Ergasii Ergamaa Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- kan irratti salaatanii osoo irra jiranii Allaahu akbar jedhan argeera, ergasii osuma irra jiranii Rukuu'a godhan, ergasii of duubatti irraa bu'anii jala minbaratti sujuuda godhanii ergasii deebi'an, yeroo xumuran gara ummataatti garagalanii akkana jedhan: "Yaa ummata kana akka isin natti hidhattanii salaata koo barataniif jecha akkas godhe".

[sirrii] - [Bukharif muslim irratti waliigalan] - [Sahiiha bukhaarii - 917]

Ibsaa

Namoonni tokko gara sahaabaa tokkoo waa’ee minbira Nabiyyii kan ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- itti fayyadaman Maal irraa akka hojjetame isa gaafatuuf jecha dhufanii? waa'ee sanaa keessatti dhugumatti kan wal falman yoo ta'an, sahaabichis ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- gara dubartii Ansaaraa tan khaadimni ogeessa ijaarsaa qabdu takkatti erganii akkana jedhaniin: Minbara yeroon namoota dubbisu irra taa'u akka naaf hojjetu Mucaa kee ajaji. Dubartiin tole jettee akka Nabiyyiif -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- muka gaattiraa irraa tolchu gabricha ishee ajaja itti dabarsite, yeruma inni raawwate gara Nabiyyitti -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- ergite, isaanis itti ajajnii masjiida irraa eddoo isaa kaa'ame, ergasii Nabiyyiin -nagaa fi rahmnni irra haa jiraatu- irratti salaatanii osuma isa irra jiranii Allaahu akbar jedhanii, ergasii osuma irra jiranii jilba qabatan, Ergasii gara duubatti deemaa osoo fuula isaanii duubatti hin deebisin gadi bu'anii jala minbaratti sujuuda godhanii ergasii deebi'an, yeroo salaata irraa raawwatan ummatatti garagalanii akkas jedhan: "Yaa ummata kana akka isin natti hidhattanii salaata koo bartaniif akkas godhe”.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa turkiffaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii vetenaamiffaa kurdiffaa hoosaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii buurmaaffaa taaylaandiffaa bishtuu asaamiiffaa albaaniyaffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa HSomaaliffaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa cheekiffaa xaaliyaaniffaa kanadiffaa okraaniffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Minbira tolfachuu fi khaxiibni irratti ba'uun jaalatamaa ta'uudha, faayidaan isaa ammoo sagalee geessuu fi dhageessisuudha.
  2. Waa barsiisuuf jecha minbara irratti salaachuun ni danda’amaadha, akkasumas imaamanis dhimma wahiitif namoota salaachisuu ol tahuun ni danda'amaadha.
  3. Dhimma Muslimootaaf jecha warra waa tolchuun gargaaramuun ni danda'amaadha.
  4. Yeroo salaataa jiran xiqqoo socho’uun yoo barbaachisaa ta’e ni danda'amaadha.
  5. Akka isa irraa baratuuf jecha namni duubaan salaatu tokko, yeroo salaataa jiru imaama isaa ilaaluun ni danda'amaa fi sun khushuu'a akka hin faallessineedha.