+ -

عن سالم بن أبي الجَعْدِ قال: قال رجل: ليتني صَلَّيتُ فاسترحْتُ، فكأنّهم عابُوا ذلك عليه، فقال: سمعتُ رسولَ الله صلى الله عليه وسلم يقول:
«يا بلالُ، أقِمِ الصَّلاةَ، أرِحْنا بها».

[صحيح] - [رواه أبو داود] - [سنن أبي داود: 4985]
المزيــد ...

Saalim bin Abii Al-Ja'ad irraa odeeffame akkana jedhe: Namichi tokko akkana jedhe: osoon salaatee boqonnaa argadhee, akka waan namoonni waan kana isa irratti ceem'aniiti, ni jedhe: Ergamaa Rabbii -nagaa fi rahmatni irra haa jiraatu- akkas kan jedhu dhaga'e.
“Yaa Bilaal, slaata dhaabi, salaataan hafuura nu baafachiisi".

[sirrii] - [abuu daawud odeesse] - [Sunana abbaa daawud - 4985]

Ibsaa

Namichi sahaabaa tokko akkana jedhe: Osoon salaatee boqonnaa argadhee natti tola, akka waan warri naannoo isaa jiran isa komataniiti, ni jedhe: Nabiyyii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhu dhaga'e: Yaa Bilaal! Akka salaatan boqannu Azaanii iqaamas godhi; Kunis Rabbi waliin maqachuu fi lubbuu fi qalbiidhaaf boqonnaa waan of keessaa qabuuf jecha.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa turkiffaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii vetenaamiffaa kurdiffaa hoosaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii buurmaaffaa taaylaandiffaa bishtuu asaamiiffaa albaaniyaffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa HSomaaliffaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa cheekiffaa xaaliyaaniffaa kanadiffaa okraaniffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Qalbiin boqonnaa argachuun salaataan argama; Sababni isaas, Rabbi waliin maqachuu waan of keessaa qabuuf jecha.
  2. Warra ibaadaan itti ulfaatu balaaleffachuudha.
  3. Namni dirqama isa irra jiru raawwatee, itti gaafatamummaa isaa bahe, boqonnaa fi miira tasgabbii argata.