عَنْ أَبِي سَعِيدٍ الخُدْرِيِّ رضي الله عنه أَنَّ رَسُولَ اللَّهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ قَالَ:
«إِذَا سَمِعْتُمُ النِّدَاءَ، فَقُولُوا مِثْلَ مَا يَقُولُ المُؤَذِّنُ».

[صحيح] - [متفق عليه] - [صحيح البخاري: 611]
المزيــد ...

Abuu Sa’iid Al-khudrii irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaalatu- Ergamaan Rabbii -nagayaa fi rahmanni Rabbiin irra haa jiraatu- akkana jedhan:
“Yeroo Azaana dhageessan, fakkaatuma lallabaan jedhu jedhaa”.

[sirrii] - [Bukharif muslim irratti waliigalan] - [Sahiiha bukhaarii - 611]

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- yeroo lallabaa azaanaa dhagahanitti jecha jechaan fakkaataa inni jedhu jedhutti kakaasan, Yeroo inni Allaahu Akbar jedhu nutis isa booda Allaahu Akbar jenna, yeroo inni shahaadaa lameen jedhu nutis isa booda isaan lameen jenna, Yeroo (Hayya Alassalaah, hayya Alal Falaah) jedhamu malee, yemmuu kana "Laa hawla walaa Quwwata illaa billaah" jedhama.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Eega kan jalqabaa xumuree mu'azzina isa lammaffaa waan inni jedhu jechuun isa hordofa, yoo mu'azzinoonni hedduu ta'anillee; Hadiisni hunda waan hammatuuf jecha.
  2. Yeroo mana fincaanii ykn dhimma dhuunfaa isaa irra jiraate malee, yeroo hunda waan mu'azzinni jedhu jechuun isa irratti dirqama ta'a.
Garsisuu hiikowani
afaan: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa dabaltii (55)