+ -

عَنْ المُغِيرَةِ رضي الله عنه قَالَ:
كُنْتُ مَعَ النَّبِيِّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ فِي سَفَرٍ، فَأَهْوَيْتُ لِأَنْزِعَ خُفَّيْهِ، فَقَالَ: «دَعْهُمَا، فَإِنِّي أَدْخَلْتُهُمَا طَاهِرَتَيْنِ» فَمَسَحَ عَلَيْهِمَا.

[صحيح] - [متفق عليه] - [صحيح البخاري: 206]
المزيــد ...

Mugiiraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- akkana jedhe:-
Imala tokko keessatti Nabiyyii wajjiin ture -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu-, kophee isaanii lameen irraa baasuuf gadi jedhee jennaan, akkana jedhani: "dhiisi ani Qulqulluu haala ta'aniinin isaan lameen godhadhee", eegasii isaan lameen irra haxaayan.

[sirrii] - [Bukharif muslim irratti waliigalan] - [Sahiiha bukhaarii - 206]

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- tokkoo imala isaanii keessatti wuduu'a kan godhatan ta'an, Miila dhiqachuu bira yeruma gayani Mughiiraa bin Shu'ubaa -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- kophee irraa waan miila Nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- irra jiru baasuuf jecha harka isaa lameen laate miilli lameen akka dhiqamaniif jecha! Nabiyyiinis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhani: Dhiisi isaan hin basinii, ani miila koo lameen haala qulqullina irra jiraniinin kophee lameen keessa galchee, Eegasii Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- bakka miila lameen dhiquudhaa kophee lameen irra haxaayan.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii taaylaandiffaa jarmaniffaa bishtuu asaamiiffaa albaaniyaffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa HSomaaliffaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa cheekiffaa maalaagaashiyaffaa kanadiffaa okraaniffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Kophee lameen irra haxaayun kan hayyamamu yeroo Hadasa xiqqaa akka fincaanii irraa wuduu'a godhataniidha, Hadasa guddaa akka janaabaa irraa yeroo dhiqatan immoo miila lameen dhiquun dirqama ta'a.
  2. Haxaa’uun yeroo tokko qofa harka jiidha qabu jala osoo hin taane gubbaa kophee irra dabarsuudhaan ta'a.
  3. Ulaagaan Kophee lameen irra haxaayuu wuduu’a guutuu miilli lameen bishaaniin isa keessatti dhiqaman booda uffachuu, kopheen qulqulluu ta'uu, miila irra bakka wuduu-in itti dirqama ta'u kan dhoksu ta'uu, kophee irra haxaayuunis hadasa guddaa ykn waan dhiqannaa dirqama taasisu booda osoo hin taane hadasa xoqqaa booda ta'uu fi kophee irra haxaayuun yeroo shari'aan daangeffame keessatti ta'uudha, innis nama biyya jiruuf guyyaa tokkoo fi halkan tokko, nama imala irra jiruuf immoo guyyaa sadii halkan isaanii waliin.
  4. Wanti miila dhoksu hundi, kan akka kaalsii fi wantoota biroo, akka kophee lameenitti ilaalama, kanaafuu isa irra haxaa’uun ni danda’ama.
  5. Amallii fi barsiisni Nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- gaarii ta'uudha, sun Mughiirah akka isaan irraa kophee lameen hin baasne yeroo dhoorganii sababa isaas qulqulluu haala ta'aniin godhachuu akka ta'e itti himanitti, kunis lubbuun isaa akka tasgabbooftuu fi hukmii (murtii) isaa akka beekuuf jecha.