1. Fuula Duraa
  2. Maxxansaawwan
  3. aqiidaa

Hadiisa Munaafiqoota irratti salaanni akkaan ulfaataa ta’e, salaata Ishaa'ii fi fajrii yoo ta’u, osoo waan isaan lamaan keessa jiru beekanii osoo shorrooqiinsalleen taatee isaan lamaan ni dhufu ture

عن أبي هريرة رضي الله عنه قال: قال رسول الله صلى الله عليه وسلم:
«‌إِنَّ ‌أَثْقَلَ صَلَاةٍ عَلَى الْمُنَافِقِينَ صَلَاةُ الْعِشَاءِ وَصَلَاةُ الْفَجْرِ، وَلَوْ يَعْلَمُونَ مَا فِيهِمَا لَأَتَوْهُمَا وَلَوْ حَبْوًا، وَلَقَدْ هَمَمْتُ أَنْ آمُرَ بِالصَّلَاةِ فَتُقَامَ، ثُمَّ آمُرَ رَجُلًا فَيُصَلِّيَ بِالنَّاسِ، ثُمَّ أَنْطَلِقَ مَعِي بِرِجَالٍ مَعَهُمْ حُزَمٌ مِنْ حَطَبٍ إِلَى قَوْمٍ لَا يَشْهَدُونَ الصَّلَاةَ، فَأُحَرِّقَ عَلَيْهِمْ بُيُوتَهُمْ بِالنَّارِ».

Abuu Hureyraa irraa odeeffamee -Rabbiin irraa haa jaallatu- akkana jedhe: Ergamaan Rabbii nagaa fi rahmatni irra haa jiraatuu akkana jedhan:
"Munaafiqoota irratti salaanni akkaan ulfaataa ta’e, salaata Ishaa'ii fi fajrii yoo ta’u, osoo waan isaan lamaan keessa jiru beekanii osoo shorrooqiinsalleen taatee isaan lamaan ni dhufu ture, salaanni akka dhaabbattuuf ajaja dabrsee, eegasii nama namoota salaachisu ajaja itti kennee, sana booda dhiirota isaanin waliin tuulaan qoraanii jiru waliin deemee namoota salaata jamaa'aa hin dhufne irratti manneen isaanii dhugumatti ibiddaan gubuu yaadeera".

sirrii Bukharif muslim irratti waliigalan Sahiiha muslim - 651

Ibsa

Nabiyyiin -nageenyi fi rahmanni isaan irra haa jiraatu- waa’ee munaafiqootaa fi laafina isaan salaata irratti, keessattuu salaata lamaan Ishaa'ii fi Fajrii irratti qabanii fi mindaa jama'aa muslimootaa wajjiin isaan lamaan raawwachuu keessa jiru osoo beekanii, silaa harkaa fi jilbaan akka daa'imaatti shorroqanii isaan lamaan akka dhufan himan.
Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni isaan irra haa jiraatu- salaanni akka gaggeeffamu ajajanii, nama bakka isaanii bu'ee ummataan salaatu muudanii, eegasii dhiirota muka qoraanii baatan waliin deemanii dhiirota salaata jamaa'aa hin dhufne irratti maneen isaanii ibiddaan gubuu irratti dhugumatti murataniiru; hammeenya badii isaan raawwatan irraa kan ka'een, -garuu isaan akkas hin goone- sababni isaas dubartootaa fi ijoolleen cubbuu hin qabne, akkasumas namoonni biroo kan uzrii (rakkoo) qabanii fi badii tokkollee hin qabne manneen keessa waan jiraniif jecha.

bu'aa hadiisichaa irraa

  1. Salaata jama'aa ykn waloo masjiidatti salaatuu dhabuun balaa hamaa akka tahe ibsuudha.
  2. Munaafiqonni ibaadaa isaanii keessatti nama agarsiifachuu fi dhageessifachuu malee yaada biraa waan hin qabneef, yeroo namoonni isaan argan malee gara salaataa hin dhufan.
  3. Salaata Ishaa fi Fajrii jama’aa waliin salaatuun mindaa guddaa akka qabuu fi osoo shorroqiinsalleen ta'ee isaan lamaan dhufuun barbaachisaa akka ta'eedha.
  4. Salaata Ishaa fi Fajrii salaatuun munaafiqummaa irraa nagaa ta'uu agarsiisa, isaan lamaan irraa hafuun ammoo mallattoolee munaafiqootaa keessaa isa tokko.

Hiikkaawwan dhiheessuu

60 Afaan
EN English الإنجليزية
UR اردو الأوردية
ES Español الإسبانية
ID Indonesia الإندونيسية
UG ئۇيغۇرچە الأيغورية
BN বাংলা البنغالية
TR Türkçe التركية
RU Русский الروسية
BS Bosanski البوسنية
SI සිංහල السنهالية
HI हिन्दी الهندية
ZH 中文 الصينية
FA فارسی الفارسية
VI Tiếng Việt الفيتنامية
TL Tagalog تجالوج
KU Kurdî الكردية
HA Hausa الهوسا
PT Português البرتغالية
ML മലയാളം المليالم
TE తెలుగు التلغو
SW Kiswahili السواحيلية
TA தமிழ் التاميلية
MY မြန်မာ البورمية
TH ไทย التايلندية
DE Deutsch الألمانية
JA 日本語 اليابانية
PS پښتو بشتو
AS অসমীয়া الأسامية
SQ Shqip الألبانية
SV Svenska السويدية
AM አማርኛ الأمهرية
NL Nederlands الهولندية
GU ગુજરાતી الغوجاراتية
KY Кыргызча القيرقيزية
NE नेपाली النيبالية
YO Yorùbá اليوروبا
LT Lietuvių الليتوانية
PRS دری الدرية
SR Српски الصربية
SO Soomaali الصومالية
TG тоҷикӣ الطاجيكية
RW Kinyarwanda الكينياروندا
RO Română الرومانية
HU Magyar المجرية
CS Čeština التشيكية
MOS Moore الموري
MG Malagasy المالاجاشية
IT Italiano الإيطالية
KN ಕನ್ನಡ الكانادا
WO Wolof الولوف
AZ Azərbaycan الأذربيجانية
UZ O‘zbek الأوزبكية
UK Українська الأوكرانية
KA ქართული الجورجية
MK Македонски المقدونية
KM ភាសាខ្មែរ الخميرية
BM Bambara البامبارية
PA ਪੰਜਾਬੀ البنجابية
MR मराठी الماراثية
KMR Kurmancî الكرمنجية