عَنْ أَبِي هُرَيْرَةَ رضي الله عنه قَالَ:
كُنَّا مَعَ رَسُولِ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ، إِذْ سَمِعَ وَجْبَةً، فَقَالَ النَّبِيُّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ: «تَدْرُونَ مَا هَذَا؟» قَالَ: قُلْنَا: اللهُ وَرَسُولُهُ أَعْلَمُ، قَالَ: «هَذَا حَجَرٌ رُمِيَ بِهِ فِي النَّارِ مُنْذُ سَبْعِينَ خَرِيفًا، فَهُوَ يَهْوِي فِي النَّارِ الْآنَ حَتَّى انْتَهَى إِلَى قَعْرِهَا».
[صحيح] - [رواه مسلم] - [صحيح مسلم: 2844]
المزيــد ...
Abuu Hureyraa irraa akka odeeffametti -Rabbiin irraa haa jaalatu- ni jedhe:
Ergamaa Rabbii woliin yeroo turre tokkotti -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu-, sagalee rifaasisaa dhaga'ani, nabiyyiinis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkana jedhani: «waan kun ta'e beektuu?» ni jedhe: Rabbumaa fi ergamaa isaatu beeka jenne, nabiyyiinis akkas jedhani: «kun dhagaa erga woggaa torbaatamaatii ibiddatti darbame, inni hanga ammaatti ibidda keessatti gadi knkolaataa ture hanga guyyaa hardhaa dhuma ibiddaa qaqqabetti».
[sirrii] - [Muslimtu gabaase] - [Sahiiha muslim - 2844]
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- sagalee jeequ wohii akka qaamni wohii kufeetti dhaga'ani, sahaabota -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- isaan bira jiran sagalee sana irraa akkas jechuun gaafatani, isaanis Rabbumaa fi ergama isaatu beeka jedhani.
Nabiyyiinis -Rabbiin rahamataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas isaaniin jedhani: sagaleen isin dhageessan kun dhagaa erga woggaa torbaatamaatii fiixee jahannam irraa darbamee konkolaataa isii keessa gadi deemaa ture yeroo isiin sagalee isaa dhageessan kanatti dhuma isii qaqqabedha.