+ -

عَنْ سَلَمَةَ بْنِ الْأَكْوَعِ رضي الله عنه:
أَنَّ رَجُلًا أَكَلَ عِنْدَ رَسُولِ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ بِشِمَالِهِ، فَقَالَ: «كُلْ بِيَمِينِكَ»، قَالَ: لَا أَسْتَطِيعُ، قَالَ: «لَا اسْتَطَعْتَ»، مَا مَنَعَهُ إِلَّا الْكِبْرُ، قَالَ: فَمَا رَفَعَهَا إِلَى فِيهِ.

[صحيح] - [رواه مسلم] - [صحيح مسلم: 2021]
المزيــد ...

Salamaa bin Al-Akwa’i irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu-:
Namichi tokko eddoo Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- jiranitti bitaa isaatiin nyaatee jennaan Nabiyyiin akkana jedhaniin: "Harka Mirga keetin nyaadhu", innis akkana jedhe: hin danda'u, isaanis ni jedhan: "hin danda'in", Nama kana boona malee wanti biraa hin dhoorgine, ni jedhe: sana booda harka isaa sana gara afaan isatti ol hin fuune.

[sirrii] - [Muslimtu gabaase] - [Sahiiha muslim - 2021]

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- namicha tokko kan harka isaa kan bitaatiin nyaatu arganii, harka isaa kan mirgaatiin akka nyaatu ajajan, Namichis of tuulummaa fi sobaaf jecha hin danda'u jedhee isaanif deebii kenne! Nabiyyiinis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- harka mirgaatiin nyaachuu irraa akka hoongeffamu isa irratti du'aa'ii godhan. Rabbiin kadhaa Nabiyyii Isaa kan akka harki isaa kan mirgaa laamshoftu kadhatan isaanif qeebalee, namichi sun sana booda nyaataan yookaan dhugaatiin harka isaa sana gara afaan isatti ol hin fuune.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii taaylaandiffaa bishtuu asaamiiffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa HSomaaliffaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa cheekiffaa maalaagaashiyaffaa okraaniffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Harka mirgaatiin nyaachuun dirqama ta'uu fi harka bitaatiin nyaachuun dhorgaa ta'uudha.
  2. Murtii Shari'aa boonaf jecha hojii irra oolchuu dhabuun abbaa gocha sanaa adabbiif saaxila.
  3. Rabbiin Nabiyyii Isaa Muhaammad -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- kadhaa isaanii isaanif qeebaluun hangam akka isaan kabaje nama agarsiisa.
  4. Hanga yeroo nyaataa gayutti haala hunda keessatti waan gaariitti ajajuu fi waan hamaa irraa dhoorguun karaa ta'uudha.