1. Fuula Duraa
  2. Maxxansaawwan
  3. aqiidaa

Hadiisa Namni qajeellumaatti nama waame mindaa akka mindaa warra isa duuka bu’eeti argata, sun mindaa isaanii irraa homaa hin hirdhisu

عَنْ أَبِي هُرَيْرَةَ رضي الله عنه أَنَّ رَسُولَ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ قَالَ:
«مَنْ دَعَا إِلَى هُدًى كَانَ لَهُ مِنَ الْأَجْرِ مِثْلُ أُجُورِ مَنْ تَبِعَهُ، لَا يَنْقُصُ ذَلِكَ مِنْ أُجُورِهِمْ شَيْئًا، وَمَنْ دَعَا إِلَى ضَلَالَةٍ كَانَ عَلَيْهِ مِنَ الْإِثْمِ مِثْلُ آثَامِ مَنْ تَبِعَهُ، لَا يَنْقُصُ ذَلِكَ مِنْ آثَامِهِمْ شَيْئًا».

Abuu Hureyraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkana jedhan:
"Namni qajeellumaatti nama waame mindaa akka mindaa warra isa duuka bu’eeti argata, sun mindaa isaanii irraa homaa hin hirdhisu, namni karaa jal'inaatti nama waame immoo dilii irraa fakkaataa diliiwwan warra isa duuka bu'aniitu isa irratti ta'a, sun diliiwwan isaanii irraa homaa hin hirdhisu".

sirrii Muslimtu gabaase Sahiiha muslim - 2674

Ibsa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- nama jechaan yookaan gochaan karaa dhugaa fi gaarummaan isa keessa jirutti namoota waamee kakaase mindaan akka mindaa warra isa duuka bu'anii osoo sun mindaa isaanii irraa homaa hin hirdhisne akka isaaf ta'u ibsan. Namni jechaan yookaan gochaan karaa sobaa fi hamaa dilii fi cubbuu of keessa qabutti nama waame immoo sun diliiwwan isaanii irraa osoo homaa hin hirdhisne faakkaataan dilii namoota isa hordofanii isa irratti ta'a.

bu'aa hadiisichaa irraa

  1. Xiqqaatuu guddatuu karaa qajeellumatti nama waamuun sadarkaa inni qabuu fi waamaan fakkaataa mindaa nama hojjatee akka qabuudha, sun guddina tola Rabbiiti fi guutummina arjummaa Isaa irraayi.
  2. Xiqqaas ta'ee guddaa karaa jal’inaatti nama waamuun rakkoo guddaa akka qabuu fi nama jal'inatti nama waamu irratti fakkaataan dilii nama dilii hojjatee akka jiruudha.
  3. Mindaan faakkaatuma hojiiti, kanaafuu nama gara kheyritti nama waamu fakkaataa mindaa nama kheyrii sana hojjateetu isaaf ta'a, nama gara baditti nama waamu immoo fakkaataa dilii nama dilii sana hojjateetu isa irratti ta'a.
  4. Namni Muslimaa tokko sababaa inni osoo namoonni isa arganii ifaan ifatti dilii raawwachuutiin akka namoonni badii keessatti fakkeenya isa hin godhanne of eeggannoo gochuudha qaba, inni osoo sana irratti nama kakaasullee baatee sababaa nama isa hordofeetiin yakkamaadha ta'a.

Hiikkaawwan dhiheessuu

58 Afaan
EN English الإنجليزية
UR اردو الأوردية
ES Español الإسبانية
ID Indonesia الإندونيسية
UG ئۇيغۇرچە الأيغورية
BN বাংলা البنغالية
TR Türkçe التركية
RU Русский الروسية
BS Bosanski البوسنية
SI සිංහල السنهالية
HI हिन्दी الهندية
ZH 中文 الصينية
FA فارسی الفارسية
VI Tiếng Việt الفيتنامية
TL Tagalog تجالوج
KU Kurdî الكردية
HA Hausa الهوسا
PT Português البرتغالية
ML മലയാളം المليالم
TE తెలుగు التلغو
SW Kiswahili السواحيلية
TA தமிழ் التاميلية
MY မြန်မာ البورمية
TH ไทย التايلندية
DE Deutsch الألمانية
PS پښتو بشتو
AS অসমীয়া الأسامية
SQ Shqip الألبانية
SV Svenska السويدية
AM አማርኛ الأمهرية
NL Nederlands الهولندية
GU ગુજરાતી الغوجاراتية
KY Кыргызча القيرقيزية
NE नेपाली النيبالية
YO Yorùbá اليوروبا
LT Lietuvių الليتوانية
PRS دری الدرية
SR Српски الصربية
SO Soomaali الصومالية
TG тоҷикӣ الطاجيكية
RW Kinyarwanda الكينياروندا
RO Română الرومانية
HU Magyar المجرية
CS Čeština التشيكية
MOS Moore الموري
MG Malagasy المالاجاشية
KN ಕನ್ನಡ الكانادا
WO Wolof الولوف
AZ Azərbaycan الأذربيجانية
UZ O‘zbek الأوزبكية
UK Українська الأوكرانية
KA ქართული الجورجية
MK Македонски المقدونية
KM ភាសាខ្មែរ الخميرية
BM Bambara البامبارية
PA ਪੰਜਾਬੀ البنجابية
MR मराठी الماراثية
KMR Kurmancî الكرمنجية