+ -

عَنْ عَائِشَةَ رضي الله عنها قَالَتْ: قَالَ رَسُولُ اللهِ صلى الله عليه وسلم:
«مَنْ أَحْدَثَ فِي أَمْرِنَا هَذَا مَا لَيْسَ فِيهِ فَهُوَ رَدٌّ» متفق عليه. ولمسلم: «مَنْ عَمِلَ عَمَلًا لَيْسَ عَلَيْهِ أَمْرُنَا فَهُوَ رَدٌّ».

[صحيح] - [متفق عليه] - [صحيح البخاري: 2697]
المزيــد ...

Aa'ishaa irraa odeeffamee -Rabbiin ishee irraa haa jaallatuu- ni jette: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhan:
“Amantii keenya kana keessatti waan isa keessa hin jirre namni argamsiise inni isuma irratti deebimaadha" Bukhaari fi Muslimtu odeessan. Akka Muslim gabaasetti: “Namni hojii amantii keenya keessa hin jirre hojjate inni isuma irratti deebifamaadha".

[sirrii] - [Bukharif muslim irratti waliigalan] - [Sahiiha bukhaarii - 2697]

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- namni amantii kana keessatti waa kalaqe ykn waan Qur’aanaa fi Hadiisa irraa ragaa hin qabne hojjate inni abbuma hojjate san irratti akka deebifamuu fi Rabbiin biratti fudhatama akka hin qabne ibsan.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii afaan taamilii buurmaaffaa taaylaandiffaa jarmaniffaa jaappaaniffaa bishtuu asaamiiffaa albaaniyaffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa HSomaaliffaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa cheekiffaa maalaagaashiyaffaa kanadiffaa okraaniffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Ibaadaan waan Qur’aanaa fi Hadiisa keessatti ibsame irratti hundaa’aa waan ta’eef, seera inni baaseen malee Rabbii ol ta’e hin gabbarru, kalaqaa fi waan ragaa hin qabneenii miti.
  2. Amantiin yaada fi waan gaarii jedhame irratti kan hundaa’e osoo hin taane, Ergamaa -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- hordofuudhaan qofa ta'a.
  3. Hadiisni kuni Amantiin guutuu ta'uu irratti ragaadha.
  4. Bid'aa jechuun aqiidaa yookaan jecha yookaan hojii irraa ta'ee isheen hunduma waan zamana Nabiyyiitii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- fi sahaabota hin jerre kan Amantii keessatti argamsiifameeti.
  5. Hadiisni kuni bu'uroowwan Islaamaa keessaa bu'ura tokko yoo ta’u, hojiileef madaala akka ta’etti ilaalama, kanaafuu akkuma hojiin fuula Rabbii ol ta’ee barbaaduun isa keessa hin jirre hundi nama isa hojjateef mindaan isa keessa hin jirretti, hundi hojii waan Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ittiin dhufaniin wal hin simanne nama isa hojjate irratti deebifamaadha.
  6. Bid'aawwan dhoorgaman dhimmoota amantiitiin wantoota walqabatani malee kan jiruu addunyaatii miti.