+ -

عَن ابنِ عباسٍ رضي الله عنهما أنَّ رسولَ اللهِ صلي الله عليه وسلم قال:
«لَو يُعطَى النّاسُ بدَعواهُم لادَّعَى رِجالٌ أموالَ قَومٍ ودِماءَهُم، ولَكِنَّ البَيِّنَةَ على المُدَّعِى، واليَمينَ على مَن أنكَرَ».

[صحيح] - [رواه البيهقي] - [السنن الكبرى للبيهقي: 21243]
المزيــد ...

Ibnu Abbaas irraa akka odeffametti -Rabbi isaan lameenuu irraa haa jaallatu- ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani:
«Namoonni himannaa isaaniitiin osoo kennameefii silaa namoonni (lafaa ka'anii) qabeenyaa fi dhiiga nama biroo irratti himannaa banu ture. garuu ragaa dhiheessuun nama himata bane irratti ta'e, kakaan immoo nama morme irratti ta'e».

[sirrii] - - [السنن الكبرى للبيهقي - 21243]

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- namoonni ragaa fi akeektuu tokko malee himannuma isaanii qofaan osoo isaaniif kennamee silaa namoonni qabeenyaa fi dhiiga wolii irratti keenya jedhanii himata akka bananu himani, garuu nama himannaa bane irratti waan gaafatu irratti ragaa dhiheeffachuun dirqama, yoo ragaa hin qabaanne immoo himanni nama himanni irratti banameef dhiheeffama, yoo kan isa mormu ta'e kakaatu isa irra jira isaan qulqullaa'as.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Aalimni guddaan ibnu daqiiq al-iid jedhamu akkas jedhe: Hadiisni kun bu'uura bu'uurowwan murtooti, yeroo wol dhabbii fi wol falmiitti wobii guddaadha.
  2. Shari'aan qabeenyaa fi dhiiga namaatiin taphatamuu irraa eeguuf dhufe.
  3. Abbaan murtii waan ofii beekuun murtessa osoo hin taane ragaa irratti hundaa'uuni.
  4. Hndi nama himata ragaa hin qabne himatee himanni isaa kufaadha, haqaa fi wolitti dhufeenya irrattis ta'ee yookaan dhimma iimaanaatii fi beekumsaa irrattis yoo ta'es.
Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii afaan taamilii taaylaandiffaa bishtuu asaamiiffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa majriffaa cheekiffaa الموري maalaagaashiyaffaa kanadiffaa الولوف azriffaa uzbeekiffaa okraaniffaa الجورجية المقدونية الخميرية الماراثية
Garsisuu hiikowani
dabaltii