عَنْ المِقْدَامِ بْنِ مَعْدِي كَرِبَ رَضِيَ اللَّهُ عَنْهُ قَالَ: سَمِعْتُ رَسُولَ اللهِ صَلَّى اللَّهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ يَقُولُ:
«مَا مَلأَ آدَمِيٌّ وِعَاءً شَرًّا مِنْ بَطْنٍ، بِحَسْبِ ابْنِ آدَمَ أَكَلاَتٌ يُقِمْنَ صُلْبَهُ، فَإِنْ كَانَ لَا مَحَالَةَ، فَثُلُثٌ لِطَعَامِهِ، وَثُلُثٌ لِشَرَابِهِ، وَثُلُثٌ لِنَفَسِهِ».
[صحيح] - [رواه الإمام أحمد والترمذي والنسائي وابن ماجه] - [الأربعون النووية: 47]
المزيــد ...
Miqdaam ibnu Ma'adii Kariba irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaa Rabbiitii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhuun dhaga'e:
«Ilmi namaa akka garaa isaattti, qodaa hamaa ta'e kan inn guute hin jiru, ilma namaatiif luqumaawwan muraasni dugda isaa dhaabdu isaaf ga'aadha, quufanii nyaachuun kan hin hafne yoo ta'e immoo, tokko sadaffaa garaa nyaata isaatiif, tokko sadaffaa kaan immoo dhugaatii isaatiif, tokko sadaffaaa hafe immoo hafuura isaatiif haa godhu».
[sirrii] - [رواه الإمام أحمد والترمذي والنسائي وابن ماجه] - [الأربعون النووية - 47]
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- bu'uuroota fayyaa keessaa bu'uura tokkotti nu qajeelchani, innis ittisa ilmi namaa ittiin fayyaa isaa eeguudha, innis nyaata xiqqeessuudha, inumaayyuu hanga beela garaa isaa cufuu fi hojiiwwan isaa dirqama ta'an irratti isa jabeessu qofa nyaata, qodaan hamaan guutame garaadha, quufa irraa dhiibeewwan hamaa ta'an kan ammattis yookaan fuuldurattis hin lakkaawamne, mul'ataas ta'ee yookaan dhokataa waan isa irraa madduufi. Eegasii ergamaan -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhani: quufuun kan hin hafne yoo ta'e immoo, nyaataaf hanga tokko sadaffaa haa godhu, tokko sadaffaa kaan immoo dhugaatii isaatiif, tokko sadaffaa hafe immoo hafuura isaatiif haa godhu, dhiphinni, miidhaa fi wantoota Rabbiin dhimma diinii fi duuniyaa isaa keessatti dirqama isa irratti taasise ba'achuu keessatti taati'aa'uun akka isatti hin argamneef jecha.