+ -

عن عمر بن الخطاب رضي الله عنه قال: إنه سمع نبي الله صلى الله عليه وسلم يقول:
«لَو أَنَّكُمْ تَتَوَكَّلُونَ عَلَى اللهِ حَقَّ تَوَكُّلِهِ، لَرَزَقَكُمْ كَمَا يَرْزُقُ الطَّيْرَ، تَغْدُو خِمَاصًا وَتَرُوحُ بِطَانًا».

[صحيح] - [رواه الترمذي وابن ماجه وأحمد] - [مسند أحمد: 205]
المزيــد ...

Umar ilma khaxxaab irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Inni Nabiyyiidhaa -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhuu dhaga'e:
"Osoo isin hirkannaa dhugaa Rabbirratti hirkattanii, akka allaattii razzaqutti silaa isiniis razzaqa ture, ganama garaa duwwaa bobbaatee galgala garaa guuttattee deebiti".

[sirrii] - [ibnumaajah odeesse - tirmizii odeesse - ahmad odeesse] - [Musnada Ahmad - 205]

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi ngeenya isaan irratti haa buusu- Dhimmoota amantii fi duuniyaa keessatti bu'aa barbaaduu fi miidhaa deemsisuuf Rabbiin irratti akka hirkannu nu kakaasani, waan -Inni qulqullaa'e ol ta'e- Isa malee kan kennuu fi kan dhoorguu, akkasumas kan miidhuu fi kan fayyadu hin jirreef jecha. Akkasumas sababoowwan bu'aa fidduu fi miidhaa deebistu hojjachuudha, dhugaan Rabbirratti hirkachuu waliin, yeroo sana hojjannetti Rabbiin akkuma allaattii ganama beelaan baatee, eegasii immoo galgala garaa guuttattee deebituuti, hojiin allaattii kun gosa tokko kan sababoowwan rizqii barbaaduu irraa ta'eedha, hirkannaa sobaatii fi hifannaan maletti.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii afaan taamilii buurmaaffaa taaylaandiffaa jarmaniffaa jaappaaniffaa bishtuu asaamiiffaa albaaniyaffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa HSomaaliffaa xaajiikiyyaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa majriffaa cheekiffaa maalaagaashiyaffaa kanadiffaa uzbeekiffaa okraaniffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Sadarkaa tawakkulli qabuu fi inni sababoowwan guddoo ittiin rizqiin barbaadaattamu keessaa tokko ta'uu isaati.
  2. Tawakkulli sababoowwan hojjachuun wol hin faallessu, rizqii barbachuu keessatti ganamaan bahanii galgalaa deebi'uun tawakkula dhugaatiin wol akka faallessine waan himaniif jecha.
  3. Shari'aan hojiiwwan qalbiitiif bakka kennuudha, tawakkulli hojiii qalbiiti waan ta'eef.
  4. Sababoowwan qofa irratti rarra'uun hirdhina gama diiniiti, sababoowwan dhiisuun immo hirdhina aqliiti.