+ -

عَنْ أَنَسٍ رَضِيَ اللَّهُ عَنْهُ عَنِ النَّبِيِّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ قالَ:
«لاَ يُؤْمِنُ أَحَدُكُمْ، حَتَّى يُحِبَّ لِأَخِيهِ مَا يُحِبُّ لِنَفْسِهِ».

[صحيح] - [متفق عليه] - [صحيح البخاري: 13]
المزيــد ...

Anas irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani:
«Tokkoon keessan hanga waan lubbuu ofiitiif jaallatu obboleessa isaatiif jaallatutti hin amanne».

[sirrii] - [Bukharif muslim irratti waliigalan] - [Sahiiha bukhaarii - 13]

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- tokkoo muslimootaaf iimaanni guutuun dhugaa akka hin taanef ibsani, hanga Rabbiin ajajamuu fi gosoota khayrii diinii fi duuniyaa waan lubbuu ofiitiif jaallatu obboleessa isaatiif jaallatutti, akkasuma waan lubbuu ofiitiif jibus isaaf jibbuutti, obboleessa isaa muslimaa diinii isaa keessatti hirdhina yoo irratti arge, isa sirreessuuf carraaqa, toltuu yoo irratti arges isa jajjabeessee isa gargaara, dhimma isaa diinii fi duuniyaa irratti isa gorsa.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Namni waan lubbuu ofiitiif jaallatu obboleessa isaatiif jaallachuun dirqama ta'uu isaa; nama waan lubbuu ofiitiif jaallatu obboleessa isaatiif hin jaallanne irraa iimaana mormuun faallaan isaa dirqama ta'uu ibsa.
  2. Obbolummaan karaa Rabbii obbolummaa gosaatii oli, haqni isaas dirqama dirqamaa oliiti.
  3. Jechoota fi gochoota irraa hundi waan jaalala kana faallessuu akka gowwoomsaa, komii, inaaffaa fi lubbuu muslimaatti yookaan qabeenya isaa yookaan kabajaa isaatti diinomuu hraama ta'uu isaa.
  4. Jechoota garii kan hojiitti nama kakaasan fayyadamuu; "obboleessa isaa" jecha jedhu waan fayyadameef.
  5. Aalimni kirmaanii jedhamu -Rabbi isaaf haa araaramu- akkas jedhe: hamtuu irraa waan lubbuu ofiitiif jibbe obboleessa isaatiifis jibbuun iimaana irraati; dubbachuu wonti dhiifameef; waan tokko jaallachuun faallaa isaa jibbuu of keessatti qabata, kun waan ga'aa ta'eef isa dubbachuu dhiise.
Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii afaan taamilii taaylaandiffaa bishtuu asaamiiffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa majriffaa cheekiffaa الموري maalaagaashiyaffaa kanadiffaa الولوف azriffaa uzbeekiffaa okraaniffaa الجورجية المقدونية الخميرية الماراثية
Garsisuu hiikowani