+ -

عَنْ عَبْدِ اللهِ بْنِ بُسْرٍ رضي الله عنه أَنَّ رَجُلاً قَالَ: يَا رَسُولَ اللهِ إِنَّ شَرَائِعَ الإِسْلاَمِ قَدْ كَثُرَتْ عَلَيَّ، فَأَخْبِرْنِي بِشَيْءٍ أَتَشَبَّثُ بِهِ، قَالَ:
«لاَ يَزَالُ لِسَانُكَ رَطْبًا مِنْ ذِكْرِ اللَّهِ».

[صحيح] - [رواه الترمذي وابن ماجه وأحمد] - [سنن الترمذي: 3375]
المزيــد ...

Abdullaah bin Busr irraa odeeffame -Rabbiin irraa haa jaallatu- namichi tokko akkana jedhe: Yaa Ergamaa Rabbii seerri Islaamaa natti baay'atee, kanaaf waanan bareechee isa qabadhu natti himi, isaanis ni jedhan:
«Arrabni kee Zikrii Rabbiitiin jiidhuu hin dhiisin».

[sirrii] - [tirmizii, ibnumaajahfii ahmad odeessan] - [sunana tarmizii - 3375]

Ibsaa

Namni tokko Nabiyyitti -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- baay'ina ibaadaa sunnaa irraa kan ka’een dadhabinni akka isa mudate himate, Ergasii Nabiyyii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- hojii salphaa mindaa guddaa argamsiisutti akka isa qajeelchan gaafate.
Nabiyyiinis -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- yeroo hundumaa fi haala hundumaatti arrabni isaa Rabbiin zakkaruu akka subhaanallaah, alhamdulillaah jechuu, du'aa'ii godhachuu fi kan kkf irraa akka hin deemne isa qajeelchan.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Sadarkaa yeroo hunda Rabbiin zakkaruun qabuudha.
  2. Guddina tola Rabbii keessaa maloota mindaan ittiin argamu laaffisuudha.
  3. Qooda isaan kheyrii irraa qaban ilaalchisee garaagarummaa gabroonni qabaniidha.
  4. Yeroo baay’ee subhaanallaah, alhamdulillaah, Laa ilaaha illallaah, Allaahu Akbar jechuu fi kan kana fakkaataniin qalbiin walsimsiisaa arrabaan Rabbi zakkaruu heddummeessuun sunnaalee hedduu akka bakka bu'uudha.
  5. Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- gaafattoota hunda waan isaan waliin deemuun deebii isaanif kennuun haala isaanii ilaalcha keessa akka galchaniidha.
Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii jarmaniffaa bishtuu asaamiiffaa suweydiffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa majriffaa الموري kanadiffaa okraaniffaa الجورجية المقدونية
Garsisuu hiikowani