+ -

عن أبي هريرة رضي الله عنه
عَنِ النَّبِيِّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ، فِيمَا يَحْكِي عَنْ رَبِّهِ عَزَّ وَجَلَّ، قَالَ: «أَذْنَبَ عَبْدٌ ذَنْبًا، فَقَالَ: اللَّهُمَّ اغْفِرْ لِي ذَنْبِي، فَقَالَ تَبَارَكَ وَتَعَالَى: أَذْنَبَ عَبْدِي ذَنْبًا، فَعَلِمَ أَنَّ لَهُ رَبًّا يَغْفِرُ الذَّنْبَ، وَيَأْخُذُ بِالذَّنْبِ، ثُمَّ عَادَ فَأَذْنَبَ، فَقَالَ: أَيْ رَبِّ اغْفِرْ لِي ذَنْبِي، فَقَالَ تَبَارَكَ وَتَعَالَى: عَبْدِي أَذْنَبَ ذَنْبًا، فَعَلِمَ أَنَّ لَهُ رَبًّا يَغْفِرُ الذَّنْبَ، وَيَأْخُذُ بِالذَّنْبِ، ثُمَّ عَادَ فَأَذْنَبَ، فَقَالَ: أَيْ رَبِّ اغْفِرْ لِي ذَنْبِي، فَقَالَ تَبَارَكَ وَتَعَالَى: أَذْنَبَ عَبْدِي ذَنْبًا، فَعَلِمَ أَنَّ لَهُ رَبًّا يَغْفِرُ الذَّنْبَ، وَيَأْخُذُ بِالذَّنْبِ، اعْمَلْ مَا شِئْتَ فَقَدْ غَفَرْتُ لَكَ».

[صحيح] - [متفق عليه] - [صحيح مسلم: 2758]
المزيــد ...

Abuu Hurayraa irraa odeeffame -Rabbiin isarraa haa jaallatu-
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- waan Rabbii isaanii irraa odeessan keessatti ni jedhe (Rabbiin): "Garbichi tokko badii wohii balleessee ka'ee akkas jedhe: yaa Rabbi badii koo naaf dhiisi, Rabbiin -qulqullaa'ee ol ta'e- ni jedhe: gabrichi koo badii balleessee ka'ee, akka Rabbiin badii isaaf dhiisuu fi badiidhaan isa qabu isaaf jiru beeke, eegasii ammas deebi'ee badii balleessee ka'ee akkas jedhe: Rabbii koo badii koo naaf dhiisi, Rabbiinis -qulqullaa'ee ol ta'e- ni jedhe: gabrichi koo badii balleessee ka'ee, akka Rabbiin badii isaaf dhiisuu fi badiidhaan isa qabu isaaf jiru beeke, eegasii ammas deebisee badii balleessee ka'ee akkas jedhe: Rabbii koo badii koo naaf dhiisi, Rabbiinis -qulqullaa'ee ol ta'es- ni jedhe: gabrichi koo badii balleessee ka'ee, akka Rabbiin badii isaaf dhiisuu fi badiin isa qabu isaaf jiru beeke, waan feete hojjadhu dhugumatti siif dhiiseen jira".

[sirrii] - [Bukharif muslim irratti waliigalan] - [Sahiiha muslim - 2758]

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- Rabbii isaanii irraa odeessani: Gabrichi yoo badii ballleessee eegasii: yaa Rabbi badii koo naaf dhiisi jedhe: Rabbiin ol ta'es ni jedha: gabrichi koo badii hojjatee, akka Rabbiin badii isaaf dhiisee isa sattaree irra isaaf darbu yookaan isa irratti adabu jiru beekee jennaan, dhugaan isaaf dhiise. Eegasii gabrichi deebi'ee badii balleessee ka'ee akkas jedhe: yaa Rabbi badii koo naaf dhiisi, Rabbis ni jedhe: gabrichi koo badii balleessee, akka Rabbiin badii isaaf dhiisee, isa sattaree irra isaaf darbu jiru yookaan isa irratti kan adabu akka jiru beeke, dhugumatti gabricha kootiif dhiiseen jira. Eegasii gabrichi deebi'ee badii balleesse, akkas jedhe: yaa Rabbi badii koo naaf dhiisi, Rabbis ni jedhe: gabrichi koo badii hojjatee, akka Rabbiin badii isaaf dhiisee, isa sattaree irra isaaf darbu yookaan isa irratti adabu akka jiru beeke, dhugumatti gabricha kootiif dhiiseen jira, waan yeroo badii hojjate hunda badii sana dhiisee gaabbee akka lammata isatti hin deebine murteeffateen waan barbaade haa hojjatuu, garuu lubbuun isaa isa injifattee yeroo biraas badii keessatti kufa, hanga akkas hojjataa ta'etti badii hojjatee toobatetti ani isaafan dhiisa, tawbaan waan isii duraa waan diigduuf jecha.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii afaan taamilii buurmaaffaa taaylaandiffaa jarmaniffaa jaappaaniffaa bishtuu asaamiiffaa albaaniyaffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa HSomaaliffaa xaajiikiyyaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa majriffaa cheekiffaa الموري maalaagaashiyaffaa xaaliyaaniffaa kanadiffaa الولوف البلغارية azriffaa uzbeekiffaa okraaniffaa الجورجية اللينجالا المقدونية
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Gabrootaan Isaatiif bal'ina rahmata Rabbiiti agarsiisa, ilmi namaa hangamuu badii balleessu hangamuu hojjatu yoo toobatee gara Isaatti deebi'e Rabbiin isa irratti towbaa deebi'a.
  2. Namni Rabbii ol ta'etti amane dhiifama Rabbii isaa kajeela, akkasumas adabbii Isaa sodaata, kanaafuu towbaatti ariifata baditti hin fufu.
  3. Ulaagaan towbaa sirriidhaa: Badii dhiisuu, isa irratti gaabbuu fi badiitti deebi'uu dhabuu murteessuudha, yoo towbaan gabroottan qabeenyaan yookaan kabajaan yookaaan lubbuun miiidhuu ta'e immoo ulaagaa afraffaa dabalata, inni abbaa haqaa irraa dhiifama gaafachuu yookaan haqa isaa kennuufiidha.
  4. Barbaachisummaa beekumsa Rabbiin beekuu qabuudha, beekumsa isa gabricha dhimmoota amantii isaa irratti beekaa taasisu, yeroo dogongore hundaa towbaa godha, garaas hin muratu irrattis hin hafu.