+ -

عَنْ جَابِرِ بْنِ عَبْدِ اللَّهِ رضي الله عنهما أَنَّ النَّبِيَّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ قَالَ:
«مَنْ أَكَلَ ثُومًا أَوْ بَصَلًا، فَلْيَعْتَزِلْنَا -أَوْ قَالَ: فَلْيَعْتَزِلْ- مَسْجِدَنَا، وَلْيَقْعُدْ فِي بَيْتِهِ»، وَأَنَّ النَّبِيَّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ أُتِيَ بِقِدْرٍ فِيهِ خَضِرَاتٌ مِنْ بُقُولٍ، فَوَجَدَ لَهَا رِيحًا، فَسَأَلَ فَأُخْبِرَ بِمَا فِيهَا مِنَ البُقُولِ، فَقَالَ قَرِّبُوهَا إِلَى بَعْضِ أَصْحَابِهِ كَانَ مَعَهُ، فَلَمَّا رَآهُ كَرِهَ أَكْلَهَا، قَالَ: «كُلْ فَإِنِّي أُنَاجِي مَنْ لاَ تُنَاجِي». ولِمُسْلِمٍ عَنْ جَابِرِ بْنِ عَبْدِ اللهِ، عَنِ النَّبِيِّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ قَالَ: «مَنْ أَكَلَ مِنْ هَذِهِ الْبَقْلَةِ، الثُّومِ - وقَالَ مَرَّةً: مَنْ أَكَلَ الْبَصَلَ وَالثُّومَ وَالْكُرَّاثَ فَلَا يَقْرَبَنَّ مَسْجِدَنَا، فَإِنَّ الْمَلَائِكَةَ تَتَأَذَّى مِمَّا يَتَأَذَّى مِنْهُ بَنُو آدَمَ».

[صحيح] - [متفق عليه] - [صحيح البخاري: 855]
المزيــد ...

Jaabir bin Abdullaah irraa odeeffame -Rabbiin isaan lamaan irraa haa jaallatu, Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhan:
«Namni qullubbii ykn shunkurtii nyaate, nurraa haa fagaatu, masjiida keenya irraayis haa fagaatu, mana isaa keessatti haa hafu», Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- meeshaa kuduraalee foosooliyaa of keessaa qabuun dhufamee, hafuurri itti dhahee, gaafatanii foosooliyaan akka keessa jiru itti himame, Sahaabota isaanii keessaa nama wahii kan isaanin waliin ture itti ishee dhiheessaa jedhan, inni yeroma ishee arge ishee nyaachuu jibbe, ni jedhaniin: «Nyaadhu, ani nama ati wajjiin maqoo hin qabneen wajjiinin maqoo qabaa».

[sirrii] - [Bukharif muslim irratti waliigalan] - [Sahiiha bukhaarii - 855]

Ibsaa

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- obboleeyyan isaa salaata jamaa'aa irratti hirmaatan hafuura isaaniitiin akka azaa hin goonef jecha, nama qullubbii ykn shunkurtii nyaate gara masjiidaa akka hin dhufne dhorgan. Kunis isaan nyaachuu irraa osoo hin taane nyaatanii gara masjiidaa dhufuu dhoorgani; sababni isaas isaan lamaan nyaatolee eeyyamamoo ta'an irraa waan ta'aniif jecha, Nabiyyii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- dhugumatti meeshaa kuduraalee of keessaa qabu, itti fidamee, yeroo hafuura wahii isa keessatti arganii, wanni isa keessa jiru itti himame nyaachuu irraa didanii, akka irraa nyaatuf gara tokkoo sahaabota isaanii ishee dhiheessinaan, innis isaanitti hidhachuuf nyaachuu dide, isaan -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- yeroo isa argan akkana jedhaniin: nyaadhu, ani wahyiinin malaa'ikoota waliin maqoo qabaa.
Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkuma namoonni waan hafuura badaa irraa azaa ta'an, malaa'ikonnis akka azaa ta'an himan.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa sawaahiilii taaylaandiffaa jarmaniffaa bishtuu asaamiiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa neebaaliffaa roomaniyaffaa maalaagaashiyaffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Namni qullubbii ykn shunkurtii ykn alaangallee nyaate kamuu masjiida dhufuu irraa akka dhoorgamaa ta'eedha.
  2. Wanni hafuura badaa qabu kan namoonni salaatan irraa azaa ta'an kan akka sijaaraa, tamboo fi kan sana faakkaatan hundi akkuma wantoota kanneenitti akka ilaalamaniidha.
  3. Sababni dhoorgaa kanaa hafuura badaa waan ta'eef, garmalee bilcheessuun ykn karaa biraatiin yoo bade; dhoorgiin sun ni ka'a.
  4. Nama masjiida dhufanii salaatuun dirqama irratti ta'uuf irratti wantoota kanneen nyaachuun jibbamaa ta'uudha; akka salaanni jamaa'aa masjiida keessatti isa hin dabarreef jecha, mala godhee akka masjiida hin dhufneef nyaachuun immoo haraama ta'a.
  5. Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- shunkurtii fi kan kana fakkaatan nyaachuu irraa diduun, waan inni haraama ta’eef osoo hin taane, sababni isaas Jibriil -nagaan irra haa jiraatu- waliin waan maqoo qabaniif jecha.
  6. Akkaataan barsiisa Nabiyyii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- bareedaa ta'uudha, sunis murtii waan tokkoo sababa isa ibsu wajjiin wal qabsiisanii dhiheessuuni; sababni isaas namni itti haasaa jiran sababaa beekuun akka tasgabbaa'uf jecha.
  7. Qaadiin akkana jedhe: Ulamaa’onni dhimma kana masjiida malee walga’ii salaataa kan akka eddoo salaata iidaa, salaata janaazaa fi gosoota walga’ii ibaadaa biroo wajjiin wal bira qabanii ilaalaniiru, akkasuma iddooleen ilmii, zikrii, waliimaa adda addaati fi kan kana fakkaatan, gabaa fi kan kana fakkaatan immoo kanneenitti hin dhaqqabsiifaman.
  8. Ulamaa’onni akkana jedhan: Hadiisni kun nama qullubbii fi waan isa fakkaatu nyaate masjiida seenuu irraa dhoorguu irratti ragaadha - osoo masjidni duwwaa ta’ellee- inni bakka malaa'ikootaa waan ta’eef jecha, akkasumas Hadiisota biraatif jecha.