+ -

عَنْ أَبِي هُرَيْرَةَ رضي الله عنه عَنِ النَّبِيِّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ:
«مَنْ غَدَا إِلَى الْمَسْجِدِ أَوْ رَاحَ أَعَدَّ اللهُ لَهُ فِي الْجَنَّةِ نُزُلًا، كُلَّمَا غَدَا أَوْ رَاحَ».

[صحيح] - [متفق عليه] - [صحيح مسلم: 669]
المزيــد ...

Abuu Hureyraa irraa akka odeeffametti -Rabbiin irraa haa jaallatu- Nabiyyiin -nagaa fi rahmatni irra haa jiraatu- akkana jedhan:
«Namni gara masjiidatti ganama deeme ykn galgala deeme Rabbiin yeroo inni ganama ykn galgala deeme hundatti Jannata keessatti bakka qubsumaa isaaf qopheessa».

[sirrii] - [Bukharif muslim irratti waliigalan] - [Sahiiha muslim - 669]

Ibsaa

Nabiyyiin -nagaa fi rahmatni irratti haa jiraatu- ibaadaaf ykn beekumsaaf ykn kaayyoo gaarii biroof yeroo fedhetti; dura guyyaas ta'ee booda isaa keessatti nama gara masjiidaa dhufe Rabbiin Jannata keessatti eddoo fi keessummummaa dhugumatti kan isaaf qopheesse ta'uun isa gammachiisan, sunis halkan ykn guyyaa keessatti yeroo inni masjiida dhufe hunda.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa sawaahiilii bishtuu asaamiiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Sadarkaa gara masjiidaa deemuun qabuudha, akkasumas salaata jama’aa achitti eeggachuu fi salaatuun qabuudha, Namni masjiida irraa fagaatu kheyrii, sadarkaa, mindaa fi keessummummaa Rabbiin nama mana isaa dhufeef qopheessu irraa hangamiitu jalaa darba?
  2. Namoonni nama mana isaanii dhufe ulfeessanii, nyaata kan isaaf dhiyeessan yoo ta'e, Rabbiin immoo uumama isaa caalaa arjaa dha! Nama mana isaa dhaqe ni kabaja, Rabbiin qubsuma guddaa isaaf qopheessa.
  3. Gammachuu nama masjiida dhaquu; Sababni isaas ganama ykn galgala keessatti baay’ina deemsa isaa irratti hundaa’uun bakki qubsumaa waan isaaf qopheeffamuuf jecha.