عَنْ أَبِي هُرَيْرَةَ رضي الله عنه قَالَ: قَالَ رَسُولُ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ:
«خَيْرُ صُفُوفِ الرِّجَالِ أَوَّلُهَا، وَشَرُّهَا آخِرُهَا، وَخَيْرُ صُفُوفِ النِّسَاءِ آخِرُهَا، وَشَرُّهَا أَوَّلُهَا».
[صحيح] - [رواه مسلم] - [صحيح مسلم: 440]
المزيــد ...
Abuu hurayraa irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani:
«Irra caalaan saffii dhiiraa jalqba isaatii, irra hamaan isaa immoo xumura isaati, irra caalaan saffii dubartootaa xumura isaati, irra hamaan isaa immoo jalqaba isaati».
[sirrii] - [Muslimtu gabaase] - [Sahiiha muslim - 440]
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- salaata keessatti irra caalaan saffii dhiiraa, akkasuma mindaa irra hedduu fi sadarkaa irra hedduu kan qabu saffii jalqabaa akka ta'e himani; imaamatti waan dhihaatanii qiraatii isaa waan dhaggeeffatanuu fi dubartoota irraa fagoo waan ta'eef jecha. Irra hamaa fi mindaa fi sadarkaatti irra gadi aanaan isaa akka ilaalcha shari'aatti xumura isaati. Irra caalaan saffii dubartootaa xumura isaati; isaaniif waan irra dhoksaa ta'eefi, akkasuma dhiirotaan wolitti makamuu fi isaan ilaaluu irraa irra fagoo waan ta'eefi, irra hamaan isaa jalqaba isaati; dhiiratti dhihaachuu fi fitnaaf saaxilamuuf dhihoo waan ta'eef jecha.