عَنْ وَابِصَةَ رضي الله عنه:
أَنَّ رَسُولَ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ رَأَى رَجُلًا صَلَّى وَحْدَهُ خَلْفَ الصَّفِّ، فَأَمَرَهُ أَنْ يُعِيدَ صَلَاتَهُ.
[حسن] - [رواه أبو داود والترمذي وابن ماجه وأحمد] - [مسند أحمد: 18000]
المزيــد ...
Waabisaa irraa akka odeeffametti -Rabbiin irraa haa jaallatu:
Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- namicha tokko kan kophaa isaa tarree (saffii) duubaa irratti salaatu arganii, salaata isaa irra deebi’ee akka raawwatu isa ajajan.
[hasani] - [abuu daawud, tirmizii, ibnumaajah fii ahmad odeessan] - [Musnada Ahmad - 18000]
Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- namicha tokko kan kophaa isaa tarree (saffii) duubaa irratti salaataa jiru arganii, salaata isaa akka irra deebi’u isa ajajan; Sababni isaas salaanni isaa haala kana keessatti sirrii hin turre.