+ -

عن أُبيِّ بن كعبٍ رضي الله عنه قال:
صلَّى بنا رسولُ الله صلى الله عليه وسلم يومًا الصُّبحَ فقال: «أشاهِد فُلان؟» قالوا: لا، قال: «أشاهِدٌ فُلان؟» قالوا: لا، قال: «إنَّ هاتيَنِ الصَّلاتين أثقَلُ الصَّلَواتِ على المُنافقين، ولو تعلمون ما فيهما لأتيتُمُوهما ولو حَبْوًا على الرُّكب، وإن الصفَّ الأوّلَ على مِثلِ صَفِّ الملائكة، ولو عَلِمتُم ما فضيلتُه لابتَدَرتُموهُ، وإنّ صلاةَ الرجل مع الرجل أزكى من صلاتِه وحدَه، وصلاتَه مع الرجلَين أزكى من صلاتِه مع الرجل، وما كَثُرَ فهو أحبُّ إلى الله تعالى».

[صحيح] - [رواه أبو داود والنسائي وأحمد] - [سنن أبي داود: 554]
المزيــد ...

Ubayyi ibnu Ka'ab irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe:
Guyyaa tokko ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- salaata subhii nuun salaatanii ka'anii akkas jedhani: «Ebalu dhufeeraa?» sahaabonnis: lakki jedhani, ammas ergamaan ni jedhani: «Ebalu hoo dhufeeraa?» ammas sahaabonni lakki jedhani, eegasii isaan akkas jedhani: «Salaatattiin kun lameen, munaafiqoota irratti irra ulfaataa salaatotaati, osoo waan isaan lameen keessa jiru beektanii jilbaan daa'imtanii ta'ullee silaa ni dhuftan ture, saffiin jalqabaa akka saffii malaa'ikaati, osoo sadarkaa isaa beektanii itti ariifattu ture, salaanni namni tokko nama biroo woliin salaatu salaata qofaa isaa salaatu irra caalaadha, salaanni inni nama lamaa woliin salaatu salaata nama tokkoo woliin salaatu irra caalaadha, kan hedduummate isatu Rabbiin biratti irra jaallatamaadha».

[sirrii] - - [Sunana abbaa daawud - 554]

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- guyyaa tokko fajrii salaatanii, eegasii: ebaluun salaata keenya kana irratti argameeraa jedhanii gaafatani? sahaabonnis lakki jedhani. eegasii isaan ni jedhani: ebalu hoo dhufeeraa? nama biraa baananii, ammas sahaabonni lakki jedhani. eegasii nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhani: salaanni fajriitii fi ishaa'iin munaafiqoota irratti irra ulfaataa salaataati; yeroo isaan lameeniitti taati'oon waan nama injifatuuf jecha, argisiifannaan isaan keessatti argamuunis xiqqaa waan ta'eef jecha, dhukkana keessatti namni isaan hin argu waan ta'eef.
yaa mu'umintoota osoo mindaa dabalataa salaata fajriitii fi ishaa'ii keessa jiru bartanii -mindaan haga dadhabbiitiini waan ta'eef- silaa osoo harkaa fi jilbaan daa'imtanii dhufuu ta'ellee silaa ni dhuftu ture.
saffiin jalqabaa imaamatti dhihaachuu keessatti akka saffiin malaa'ikaati Rabbii ol ta'etti dhihaachuu keessatti, mu'umintoonni osoo sadarkaa saffii jalqabaa beekanii silaa irratti wol dorgomu ture, salaanni namni tokko nama biroo woliin salaatu salaata qofaa isaa salaatu irra mindaa fi bu'aan guddaadha, akkasuma salaanni nama lamaa woliin salaatamu kan nama tokkoo woliin salaatamu irra caala, salaanni namni salaatu irratti heddummaatu isiitu Rabbiin biratti irra jaallatamtuu fi irra caaltuudha.

bu.aa hadiisa irraa

  1. imaamni masjiidaa haala jamaa'aa masjiidaa iyyaafachuu fi nama isaan irraa hafe gaafachuun karaa godhamaa ta'uu isaa.
  2. salaata jamaa'aa itti fufiinsaan salaatuun, keessattuu salaata ishaa fi fajrii, mallattoo iimaanaa irraati.
  3. mindaan salaata ishaa fi fajrii guddaa ta'uu isaa; masjiidatti dhaqanii isaan salaatuu keessa lubbuutti qabsaa'uu fi ibaadaa irratti obsuun waan keessa jiruuf jecha, kanaaf mindaan isaanii kanneen hafan irra guddaa ta'e.
  4. salaanni jamaa'aa nama lamaa fi isaa oliin argama.
  5. sadarkaa saffii jalqabaa ibsuu fi isatti ariifachuutti kakaasuutu keessa jira.
  6. sadarkaa jamaa'aan heddummachuun qabu, akkuma jamaa'aan heddummateen mindaanis waan heddumaatuuf jecha.
  7. hojiiwwan gaggariin akkaataa Rabbiin shari'aa keessatii wol caalchisee fi akkaataa haalota isaaniitiin sadarkaan isaaniis wol caala.
Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii taaylaandiffaa jarmaniffaa bishtuu asaamiiffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa majriffaa cheekiffaa الموري maalaagaashiyaffaa kanadiffaa الولوف azriffaa okraaniffaa الجورجية المقدونية الخميرية الماراثية
Garsisuu hiikowani