عن أبي هريرة رضي الله عنه قال:
أَتَى النَّبِيَّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ رَجُلٌ أَعْمَى، فَقَالَ: يَا رَسُولَ اللهِ، إِنَّهُ لَيْسَ لِي قَائِدٌ يَقُودُنِي إِلَى الْمَسْجِدِ، فَسَأَلَ رَسُولَ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ أَنْ يُرَخِّصَ لَهُ فَيُصَلِّيَ فِي بَيْتِهِ، فَرَخَّصَ لَهُ، فَلَمَّا وَلَّى دَعَاهُ، فَقَالَ: «هَلْ تَسْمَعُ النِّدَاءَ بِالصَّلَاةِ؟» فَقَالَ: نَعَمْ، قَالَ: «فَأَجِبْ».

[صحيح] - [رواه مسلم] - [صحيح مسلم: 653]
المزيــد ...

Abuu Hurayraa irraa akka odeeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe:
Namichi jaamaan tokko gara Nabiyyiitti dhufuun -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhe: yaa ergamaa Rabbii namni gara masjiidaatti na qajeelchu hin jiru jedhee, mana isaatti salaatuu akka isaaf eeyyamaniif ergamaa Rabbii gaafatee jennaan -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- isaaf eeyyamani, yeroo inni deemuuf garagalu isa waamanii, akkas jedhaniin: «waamicha salaataaf taasifamu ni dhageessaa?» namtichis eeyyeen nan dhaga'a jedhe, isaanis ni jedhaniin: «owwaadhu».

[sirrii] - [Muslimtu gabaase] - [Sahiiha muslim - 653]

Ibsaa

Namichi jaamaan gara nabiyyiitti dhufuun -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhe: yaa ergamaa Rabbii salaata shanan irratti nama na gargaaree masjiidatti na geessu hin qabu, nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- salaata jamaa'aa dhiisuu akka isaaf eeyyaman fedheeti, isaanis isaaf eeyyamani, yeroo inni deemuuf garagale isa waamani akkas jedhaniin: waamicha salaataaf taasifamu ni dhageessaa? eeyyen nan dhaga'a jedhe, isaanis waamaa gara salaataatti waamuuf owwaadhu jedhaniin.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Salaanni jamaa'aa dirqama ta'uu agarsiisa, eeyyamni waan dirqamaa irraa malee waan hin taaneef jecha.
  2. Jechi isaanii "owwaadhu" jedhu nama waamicha dhaga'u irratti salaanni jamaa'aa dirqama ta'uu agarsiisa; ajaja keessatti bu'uurri dirqamummaaf waan ta'eef jecha.
Garsisuu hiikowani
afaan: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa dabaltii (62)