+ -

عَنْ أَبِي سَعِيدٍ الْخُدْرِيِّ رضي الله عنه قَالَ: قَالَ رَسُولُ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ:
«إِذَا شَكَّ أَحَدُكُمْ فِي صَلَاتِهِ، فَلَمْ يَدْرِ كَمْ صَلَّى ثَلَاثًا أَمْ أَرْبَعًا، فَلْيَطْرَحِ الشَّكَّ، وَلْيَبْنِ عَلَى مَا اسْتَيْقَنَ، ثُمَّ يَسْجُدُ سَجْدَتَيْنِ قَبْلَ أَنْ يُسَلِّمَ، فَإِنْ كَانَ صَلَّى خَمْسًا شَفَعْنَ لَهُ صَلَاتَهُ، وَإِنْ كَانَ صَلَّى إِتْمَامًا لِأَرْبَعٍ كَانَتَا تَرْغِيمًا لِلشَّيْطَانِ».

[صحيح] - [رواه مسلم] - [صحيح مسلم: 571]
المزيــد ...

Abuu Sa’iid Al-khudrii irraa odeeffame Rabbiin irraa haa jaallatu akkana jedhe: Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jaalatu- akkana jedhan:
«Isin keessaa namni tokko salaata isaa keessatti yoo shakkee, meeqa akka salaate yoo hin beekin sadii moo afurii, shakkii sana ofirraa dhiisee, waan mirkaneeffate irratti ijaaree, eegasii osoo salaamata hin jedhin sujuuda lama haa sujuuduu, Yoo raka'aa shan kan salaate tahe, salaata isaa qindii taasisaaf, yoo raka'aa afur guutuu kan salaate tahe immoo Sheyxaana lafatti ragaadha taha».

[sirrii] - [Muslimtu gabaase] - [Sahiiha muslim - 571]

Ibsaa

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiratu- namni salaata salaatu tokko salaata isaa keessatti shakkee meeqa akka salaate hin beekin, sadii moo afurii? Lakkoofsa dabalataa, shakkisiisaa ta'e fageessuudhaan raka'aan sadii mirkanaa'aa waan tahuuf raka'aa afraffaa salaatee eegasii osoo salaamata hin jedhin sujuuda lama akka sujuuduu qabu ibsaniiru.
Wanti inni salaate dhugumatti afur yoo ta’e; Raka’aan tokko itti dabalamuun shan ta’a, sujuudni lamaan dagannaa bakka raka’aa tokko bu'a yoo tahu, kanaaf lakkoofsi witrii osoo hin taane qindii taha, raka’aa dabalamte sanaan afur yoo kan salaate tahe; dirqama irra jiru dabaluu fi hir'isuun maletti ofirraa geesseera.
Sujuudni lamaan dagachuu sheyxaana salphisuu, xiqqeessuu fi honga'aa yaada ofii irraa fageeffame tahee akka deebi'uuf taha; sababni isaas waan inni salaata isaa isa irratti wal fakkeessee balleessuuf waan yaalef jecha, salaatni ilma Aadam ni guutamti yeroo sujuuda sheyxaanni dide gochuun ajaja Rabbii ol tahee fudhate, sunis yeroo sheyxaanni Aadamiif akka sujuudu ajajamee Rabbiif tole jechuu dideedha.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii taaylaandiffaa bishtuu asaamiiffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa daryaffaa HSomaaliffaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa maalaagaashiyaffaa kanadiffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Namni salaataa jiru tokko salaata isaa keessatti yoo shakkee tokkoon waa lama isa biratti irra caalaa hin tahin inni shakkii ofirraa dhiisee waan mirkanaa'etti hojjeta, inni isa irra xiqqaa taheedha, salaata isaa xumuree, osoo salaama hin baafatin sujuuda dagachuu gochuun achi booda salaama baafata.
  2. Sujuudni lamaan kun karaa salaata ittiin sirreessani, akkasumas karaa sheyxaana hongayaa xiqqaataa yaada isaa irraa fageeffamaa haala taheen itti deebisani.
  3. Shakkiin Hadiisa keessatti dubbatame inni garri tokko irra caaluun maletti waa lama nama biratti walqixxaa'uudha, kanaaf shakkiin yoo jiraatee garri tokko irra caale itti hojjetama.
  4. Ajaja Shari'aa fudhachuun waswaasa sheyxaanaa falmachuu fi ofirraa dhiibuu irratti kakaasuudha.
dabaltii