عن عائشةَ أُمِّ المُؤْمِنينَ رضي الله عنها:
أن النبي صلى الله عليه وسلم كان لا يَدع أربعا قَبل الظهر وركعتين قبل الغَدَاة.

[صحيح] - [رواه البخاري] - [صحيح البخاري: 1182]
المزيــد ...

Aa'ishaa Haadha Mu'mintootaa irraa akka odeeffametti -Rabbiin irraa haa jaallatu:
Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- salaata zuhrii dura raka’aa afur, raka'aa lama ammoo salaata subhii dura salaatuu kan hin dhiisne turan.

[sirrii] - [Bukhaariitu gabaase] - [Sahiiha bukhaarii - 1182]

Ibsaa

Aa'ishaan -Rabbiin ishee irraa haa jaallatu- Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- yeroo hunda mana ishee keessatti salaata sunnaa salaataa akka turanii fi akka hin dhiifne himte: zuhrii dura raka'aa afur, salaamata lamaan, subhii dura ammoo rak'aa lama kan hin dhiifne turan.n

bu.aa hadiisa irraa

  1. Zuhrii dura rak'aa afur, salaata subhii dura ammoo raka'aa lama salaatuun fi irratti eeggachuun jaallatamaa ta'uudha.
  2. Irra caalaan salaanni sunnaa manatti salaatamuudha, kanaaf Aa'ishaan -Rabbiin irraa haa jaallatu- waa'ee kanaa irraa odeessite.
Garsisuu hiikowani
afaan: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa dabaltii (46)