عَنْ ‌أَبِي قَتَادَةَ السَّلَمِيِّ رضي الله عنه أَنَّ رَسُولَ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ قَالَ:
«إِذَا دَخَلَ أَحَدُكُمُ الْمَسْجِدَ فَلْيَرْكَعْ رَكْعَتَيْنِ قَبْلَ أَنْ يَجْلِسَ».

[صحيح] - [متفق عليه] - [صحيح البخاري: 444]
المزيــد ...

Abuu Qataadaa Al-Salamii irraa odeeffamee, Rabbiin irraa haa jaalatu, Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhan:
“Tokkoon keessan yeroo masjiida seene osoo hin taa’in raka’aa lama haa salaatu”.

[sirrii] - [Bukharif muslim irratti waliigalan] - [Sahiiha bukhaarii - 444]

Ibsa

Nabiyyiin -nagaa fi rahmannni irra haa jiraatu- namni kaayyoo kamiifuu yeroo barbaadetti dhufee masjiida seene osoo hin taa’in dura raka’aa lama akka salaatu kakaasaniiru, isaanis raka’aa lamaan tahiyyaa masjiidaati.

bu'aa hadiisichaa irraa

  1. Osoo hin taa’in dura raka'aa lama tahiyyaa masjiidaa salaatuun jaalatamaa ta'uudha.
  2. Ajajni kun nama taa'uu fedheefi, kanaafuu namni masjiida seenee osoo hin taa'in ba'e ajajni kun isa hin ilaallatu.
  3. Osoo namoonni salaataa jiruu masjida seenee salaata isaanin waliin yoo eegale sun raka'aa lamaan tahiyyaa san irraa isaaf gaya.
Hiikkaawwan dhiheessuu
Afaan: الإنجليزية الأوردية الإسبانية Dabalata (60)