+ -

عَنْ ‌أَبِي حُمَيْدٍ أَوْ عَنْ ‌أَبِي أُسَيْدٍ قَالَ: قَالَ رَسُولُ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ:
«إِذَا دَخَلَ أَحَدُكُمُ الْمَسْجِدَ فَلْيَقُلِ: اللَّهُمَّ افْتَحْ لِي أَبْوَابَ رَحْمَتِكَ، وَإِذَا خَرَجَ فَلْيَقُلِ: اللَّهُمَّ إِنِّي أَسْأَلُكَ مِنْ فَضْلِكَ».

[صحيح] - [رواه مسلم] - [صحيح مسلم: 713]
المزيــد ...

Abuu Humeyd ykn Abuu Useyd irraa odeeffamee akkana jedhe: Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmatni irra haa jiraatu- akkana jedhan:
“Isin keessaa namni tokko masjiida yoo seene akkana haa jedhu: (Allaahumma iftah lii abwaaba rahmatik) jechuunis: Yaa Rabbi balbala rahmata keetii naaf bani jechuudha, yeroo bahu immoo akkana haa jedhu: (Allaaumma innii as'aluka min fadlik) jechuunis: Yaa Rabbi tola kee irraa si kadhadha jechuudha”.

[sirrii] - [Muslimtu gabaase] - [Sahiiha muslim - 713]

Ibsaa

Nabiyyiin -nagaa fi rahmatni irra haa jiraatu- yeroo masjida seenan ummata isaanii waan jedhamuu qabutti qajeelchan: (Allaahumma iftah lii abwaaba rahmstik), Rabbiin sababoota rahmata Isaa akka isaaf mijeessu ni kadhata. yeroo bahu ammoo haa jedhuu: (Allaahumma innii as'aluka min fadlik), tolaa fi arjummaa Isaa irraa dabalataa rizqii halaal Rabbiin ni kadhata.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa turkiffaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii vetenaamiffaa kurdiffaa hoosaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii buurmaaffaa taaylaandiffaa bishtuu asaamiiffaa albaaniyaffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa HSomaaliffaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa cheekiffaa xaaliyaaniffaa kanadiffaa okraaniffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Yeroo masjiida seenanii fi bahan du'aa'ii kana jechuun akka jaalatamuudha.
  2. Yeroo seensaa rahmanni wanni dubbatamee, yeroo bahan ammoo tolinni wanni dubbatameef: Namichi seenu waan gara Rabbiiti fi jannata Isatti isa dhiheessutti yoo seenu wanta gara Rabbii fi Jannata isaatti isa dhiheessu irratti waan bobba'uuf jecha, kanaaf rahmata dubbachuun sirrii ta'e, yeroo ba'e ammoo dachii keessa deemuun rizqii Rabbii barbaada, kanaaf tolina dubbachuun sirrii ta'e.
  3. Du'aa'in kun yeroo masjiida seenuu fedhanii fi yeroo masjiida irraa bahuu fedhan jedhama.