+ -

عن جابرٍ رضي الله عنه قال: سمعت النبي صلى الله عليه وسلم يقول:
«إِنَّ بَيْنَ الرَّجُلِ وَبَيْنَ الشِّرْكِ وَالْكُفْرِ تَرْكَ الصَّلَاةِ».

[صحيح] - [رواه مسلم] - [صحيح مسلم: 82]
المزيــد ...

Jaabir irraa odeeffame -Rabbiin irraa haa jaallatu- akkana jedhe: Nabiyyii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkas jedhuun dhagahe:
“Jidduu namichaatti fi jidduu shirkii fi kufritti salaata dhiisuutu jira”.

[sirrii] - [Muslimtu gabaase] - [Sahiiha muslim - 82]

Ibsaa

Nabiyyiin -nagaa fi rahmatni irratti haa jiraatu- salaata dirqamaa akka hin dhiisne akeekkachiisaniiru, akkasumas jidduu namichaati fi jidduu shirkii fi kufrii keessatti kufutti salaata dhiisuun akka jiru himan. Salaanni utubaa Islaamaa lammaffaadha, dhimmi isaas guddaadha, namni salaata salaatuun dirqamaa miti jechuudhaaf salaata dhiise walii galtee muslimtootatin kufrii keessa galee jira, dagannoo fi hifannaa irraa kan ka’een guutumatti yoo salaata dhiise inni kaafira ta’a, sana irratti walii galteen sahaabaas gabaafameera, yeroo tokko tokko dhiisee yeroo tokko tokko kan salaatu yoo ta'e ammoo inni sodaachisa hamaaf saaxilamadha.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa turkiffaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii vetenaamiffaa kurdiffaa hoosaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii buurmaaffaa taaylaandiffaa bishtuu asaamiiffaa albaaniyaffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa HSomaaliffaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa cheekiffaa xaaliyaaniffaa kanadiffaa okraaniffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Barbaachisummaa salaataa fi irratti tikfachuuti, sunis garaagarummaa jidduu kufrii fi iimaanaa akka ta'eedha.
  2. Salaata dhiisuu fi miidhuu irraa akeekkachiisni cimaan akka jiruudha.