Galmee Hadisotaa

Irra caalaan zikriidhaa: "Laa ilaaha illallaah" jechuudha, irra caalaan kadhaadhaa immoo: "Alhamdulillaah" jechuudha
عربي Ingiliffaa Orduu
Gabrichi Rabbii isaatti akkaan kan dhihaatu yeroo sujuuda keessa jirutti, kanaafuu kadhaa heddummeessaa''
عربي Ingiliffaa Orduu
Rabbiin biratti Irra jaallatamaan haasaadhaa afuri: Subhaanallaah (Allaahaan qulqullaa'e), Wal hamdu lillaah (faaruun kan Allaahaati), Wa laa ilaaha illallaah (haqaan gabbaramaan Allaaha malee hi jiru), Wallaahu akbar (Allaahaan waa hinda irra guddaadha), kamii isaanitiinuu eegaltu si hin miidhu
عربي Ingiliffaa Orduu
Jechoota lama kan arraba irratti laafoo ta'an, miizaana irratti ulfaatoo ta'an, Rahmaaniin biratti jaallatamoo ta'an
عربي Ingiliffaa Orduu
Namni bakka tokko qubatee eegasii, A'uuzu bikalimaatillaahi attaammaati Min sharri Maa Khalaq jedhe, qubsuma isaa sana irraa hanga imalutti homaa isa hin miidhu
عربي Ingiliffaa Orduu
Qulqullummaan wolakkaa iimaanaati, Al-hamdulillaahiin (faaruun hundi kan Rabbiiti jechuun) immoo miizaana guutti, Subhaanallaah fi Wal hamdulillaahiin (Rabbiin qulqullaa'e jchuu fi faarun hundi kan Rabbiiti jechuun) immoo ni guutani -yokaan ni guuutti- gidduu samiiwwanii fi dachii
عربي Ingiliffaa Orduu
Shayxaanni tokkoo keessanitti dhufuun akkas jedha: kana eenyutu uume? kanas enyutu uume? hanga Rabbii kee eenyutu uume? jedhutti itti fufa, yeroo bakka gaaffii kanaa ga'etti Rabbitti maganfatee waan sana irraa haa dhaabbatu
عربي Ingiliffaa Orduu
“Isin keessaa namni tokko masjiida yoo seene akkana haa jedhu: (Allaahumma iftah lii abwaaba rahmatik) jechuunis: Yaa Rabbi balbala rahmata keetii naaf bani jechuudha, yeroo bahu immoo akkana haa jedhu: (Allaaumma innii as'aluka min fadlik) jechuunis: Yaa Rabbi tola kee irraa si kadhadha jechuudha”
عربي Ingiliffaa Orduu
Sun sheyxaana “Khinzab” jedhamu, Yeroo wanti akkasii sitti dhaga’ame, Rabbitti irraa maganfadhuu, gara bitaa kee irratti yeroo sadii tufi
عربي Ingiliffaa Orduu